1 Yo anini si yaamu na jala owaad'i, Ee Waaqa, ka d'uga naa taatu. Gaafa anini gaargala qabu ya na qarqaarte, amma naa nahi kad'acha tiyya naa d'agayi.
Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.