Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 34:5 - KITAABA WAAQA

5 Nami dabsani yo Waaqa d'aabatu ingammada, worri haguma jiru inch'eeru.

Gade chapit la Kopi




Faaru 34:5
17 Referans Kwoze  

Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Worra si heregatu nami dandae indabsatu, ammo ka hurre garagale si didu inuma dabsatani.


Ee AABBO Waaqa, atini ifsa naa kennite, dukana naraa balleesita.


Ifsaani nama d'ugaati ifse, nami qajeelaleeni gammada argata.


Atini madda jireennati, maro ifsa keetitifi nu ifse agarra.


Atini waan kana arginaani gammade qilit'amta. Hormaati gosa d'ibi siti d'ufe, baariini gamale wonti worri qabu sii d'ufti.


Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.


Ee AABBO Waaqa kiyya na ilaali, dubbi tana na jalaa qabi. Irre naa kenni, duu na d'owi,


Ee AABBO Waaqa, ch'eeraani worra balleesi, aka worri jabeenna kanke argu.


Yahudiini duuba gaargala keesaa baate gammadde qilit'amte, nama ch'ufa ira ulfinna argatte.


Yoabuni mana hayyicha d'aqe waan jed'eeni, Atini arra askarti tante yayu ch'eersite, nama lubbu tanteetifi ta ilmaani teeti ta d'iiratifi ta dubraatifi, nad'eeni tanteetifi gaarayoota tantele baase.


Duuba Daudifi jari isaa, ka nama d'ibba jaa gahu, hojuma suni Keila kaani ka fulla tokole qubatani iti inture durumati godaanani. Sauloni aka Daudini Keila keesaa baqate d'agaye jennaani mala iti d'aate kaani lakise.


Anini gach'iise rafa, halkani ch'ufa AABBO Waaqati na qorqorata.


Hojja gaargali isaniti d'ufu, na yaamad'a; anini d'ufe, isani baase, isanileeni na faarsitani.


Galata deebisitiini sorio nani guddisani; aninileeni nama naa saalfatu ch'ufa imbaasa.


Anini si yaamannaani na jalaa owaate, irre tanteetiini na jabeesite.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite