16 ammo nama ch'ubbu hojattu indida, duuba akasiini hojja worri duu, deebiani inqaabatani.
Qaabachani nama d'uga qaabatani eeba namaa taati, ammo ch'ubbicha maqaani isaa yoosu lafa iraa bada.
Tanaafi AABBO Waaqi, guddaani Israeli, waan jed'u, Anini badi isanitini d'ufe, worra Yuda ch'ufa balleesu male intau.
Ee AABBO Waaqa, nami Israeliini abdatu sii, nama si lakisu ch'ufa inch'eersani. Worri akuma maqa d'uke keesati t'aafani bada, waan si AABBO Waaqa, bisaani madda jireenna lakiseefi.
Gurri isaa lafa keesaa badde, maqa isaa lafa keesaa d'abani.
Hojja nami Israeli yokhaani nami gosa d'ibi, ka worra keesa godaanu, fooni d'iiga qaba nyaate, AABBO Waaqi nama suniti qaragale deebie nama suni gumi isaati inheregu.
Yo nyaapi worra boojie lafa d'ibi geese, anini goraade iti erge worra hobaasa. Anini ya kutad'e, aka worra inqarqaare, yo balleesu male.
Anini nama hamama awaalani arge, ammo nami worra awaale biraa galu, ato karaa yau, diruma worri duri hameenna keesati tolche keesati dansuma worraa dubbata. Tunileeni woma imbaatu.
AABBO Waaqi hayyu haga jiru jireennati. Nami waaqa d'ibi kad'atu lafa isaa keesaa bada.
Anini isaniti gargale nyaapa isaniti tahe, nyaapi keesani isani dabsata, nami isani jibbuleeni isani mohata. Isani mudamtani, ka nami isani irreemne fayyuma tana baqattani.
Inni nama d'uga qabu qorqorate, fulla hayyooti teetu teesise, haga jiru jireenna ulfinna kennaafi.
Jennaani lafti holate chochote waan Waaqi dallaneefi. Gaareenile yayabi rorae chochoe!
AABBO Waaqi nama isaa saalfatu, ka jaalala isaa ta ind'umanne d'aabatu, eege qorqorata.
Waaqi ka gurra nuu kenne, woi ind'agayu? Inni ka ila nuu kenne lafa inargu?
AABBO Waaqi nama ch'ubbu qabu iraa fago jira, ammo kad'acha nama d'ugaa ind'agaya.