10 Nyeench'ileeni sagale d'abe imbeela, ammo nami AABBO Waaqa barbaadu waan dansa tokole ind'abu.
AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.
Worri Waaqa imbeenne waan kana ch'ufa barbaada. Abbaani keesani ka gubba jiru aka isani waan kana ch'ufa feetani imbeekha.
Kubleeni nyeench'a ato adamsitu; itante sagale Waaqi kennuufi barbaaddi.
AABBO Waaqi tissitu tiyya; anini waan fed'u ch'ufa inargad'a.
Inni dua jalaa worra baase guyya beelale worra jireesa.
Worri isaa woi horate dureesa tahe, innileeni haga jiru ch'ufa wohorate deebana.
AABBO Waaqi nama d'uga gula deemu beelau d'owa ammo ch'ubbicha waan inni d'araufi ch'ufa ind'owa.
Sodaani AABBO Waaqa sodaatani nama jireesite, quubsite hameenna iraa d'owarti.
AABBO Waaqa sodaad'i, ufi inguddisini, duuba duroomafi saalafi jireenna argatta.