Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 33:3 - KITAABA WAAQA

3 Sirba hareesa sirba, aka dansaa kiraari d'aa, gammadaa sirba!

Gade chapit la Kopi




Faaru 33:3
15 Referans Kwoze  

Faaru hareetini AABBO Waaqa faarsa; lafti ch'ufti ha isa faarsitu! Isani worri baariini keesa yaufi wonti baariini keesati gala isa faarsa! Lafa fagootifi nami isi keesa tauleeni isa faarsa!


Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a.


Jari diddami afuri kunini ch'ufti hogeeyi sirbati; worri Lawi kaanileeni ch'ufti nama sirba beekhu. Worri ch'ufti nama d'ibba lamafi saddeetami saddeeti.


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Sirba haareesa AABBO Waaqaa sirba! Lafti ch'ufti ha AABBO Waaqa faarsitu!


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Ee Waaqa anini sirba haareesa sii sirbe kiraari d'ae si faarsa.


Sirba hareesa Waaqaa sirba, maro inni waan mama tolcheefi! Inni harka isaatiifi irre isaa qulqullooni ya waan ch'ufa dabsate.


ka Daudifi worri Israeli ch'ufti aka jaba sirbe Waaqa faarse guddisa, kiraarifi dibbeefi bilbilafi magalata d'aani sirbani.


Worri suni barch'uma guddinnatiifi waan lubbu qaba afraanifi jaaroleti fuula deefate sirba haraa sirbe, ka nami tokoleeni dandae imbeenne worra male. Nami lafa keesa jiru ka baasani worruma ch'alla.


AABBO Waaqa faarsa! Sirba hareesani AABBO Waaqa faarsa; woldeenna gumi isaa ta d'uga keesati, isa faarsa!


Inni faaru hareeti Waaqa keennaani faarsani na barsiise. Nami hedduuni waan kana arge sodaate AABBO Waaqa abdata.


Worri huji suni hojate ch'ufti nama d'ugaati. Nami worra suni hojachiisu. Nama worra Lawi afuri: Yahathifi Obadia, ka balbala gosa Meraritifi Zekariafi Meshulamu, ka balbala gosa Kohathi. (Worri Lawi kaani ch'ufti hogeeyi sirbaati.)


Waan inni sirba gudo beekhufi Kenani fohatani mata siribdu gosa Lawi suni tolchani.


Ayyaana isaati ka AABBO Waaqa abdate waan harkaani boch'ani kad'achuu dide, waaqoota d'araa gula deemuu didu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite