Ammo aka ufi guddisu na d'owani maro waan dansa ka anini argeetiifi, nafa kiyya keesa qoraatiini na woraante; wonti na d'ukubse suni aka ergattu Sheet'ana taate na gaargalchite ufi guddisu na d'owarte.
ka hori namaa liqeese tirfi ira infud'anne. Ka gumbo fud'ate nama woma iyyakini dubbi d'araatiini inhimanne. Nama waan akana kana tolchu ch'ufa dandaani inchochoosani.