12 Tanaafi anini amma afaani qabachu dide si faarsa. AABBO, atini Waaqa kiyya, anini haga jiru jireenna galata sii deebisa.
Anini guyya ch'ufa galata si deebise haga jiru jireenna si faarsa.
Nu guyya ch'ufa si faarsine, haga jiru jireenna galata sii deebimna.
Tanaafi garaani kiyya gammade qilit'ama, nafi kiyyaleeni woma insodaatu.
Yesoni waan jed'eeni, D'uguma waan anini isaniini jed'u, Yo sila gumiini tuni ch'allifte, d'akhayeeni tuni iniyiti.
Wonti akanatiifi nu waan d'ageenne argine kana d'ossu indandeenu.
Anini hojja sii sirbu, guddise gammadaani sirba; garaafi qalbi tiyya ch'ufaani anini waan atini na baafteefi sii sirba.
Anini hojja ch'ufa si abdad'e, haga qara ira si faarsa.
Lubbu tiyya kai! Kiraariifi dibbe tiyya kaa! Anini adule lafaa kaasa.
Ee AABBO Waaqa, waan atini waan dansa na tolchiteefi sii sirba.
Amini! Faarufi guddinnaafi qaroomafi galatafi ulfinnafi jabeennaafi humniti ta Waaqa keennati, ammafi hegerile! Amini!
Anini haasaa worraa keesa inseenu, yokhaani kora worraale ind'aqu, waan dallansu keesa nama ijeesani taba keesa sangoole mogolchaniifi.
Yahudiini duuba gaargala keesaa baate gammadde qilit'amte, nama ch'ufa ira ulfinna argatte.
Guyyaani lamaani suni guyya Yahudiini nyaapa ufi dabsatte hobaafte; jii sunini qara jia laalalatiifi ufi jibbaata, ammo eege garagale jia gammadatiifi ka bad'aad'a tahe. Duuba waan jed'aniini, Guyya kana qaabad'a, wolti baha, sagale woli keenna, nyaad'a, gammada, hiyyeesale wo keenna.
nama Sioni keesati bohu jiru ch'ufa fulla laalala gammadafi qilit'ama kenne, fulla laalefacha faaru d'aachisu. Worri mukeeni AABBO Waaqi oobre fakaata. Worri ch'ufti waan dansa tolche, Waaqale waan inni tolcheefi faarsani.