8 Dabsachaani AABBO Waaqa ira d'ufti, inni gumi ufii ha eebisuti!
AABBOONI anuma, ana male ka isani baasu injiru.
Ammo anini si faarse, sorio sii baase, waan siti kakhad'e ch'ufa guuta. Ka nama baasu AABBO Waaqa ch'alla!
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini AABBO, Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Isani na male Waaqa d'ibi imbeetani, na male qarqaarsi keesani d'ibiini injiru.
Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Baafami gara Waaqa keenna, ka barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoolati.
Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.
Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.
Nami fardaani induula, ammo ka nama dabsachiisu AABBO Waaqa.
Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.
Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.
Kad'achaani gaara irati nu waaqa d'ara kad'annu woma nu imbaane, qarqaarsi Israeli garuma AABBO Waaqa keenna ch'allaa d'ufa.
Eegi waan kana anini waan aka qonqo guddo ta nama heddu gubba d'agaye ta, Waaqa faarsa! Baafamafi guddinnaafi jabeenni ka Waaqa keennati!
AABBO Waaqi gumi ufii eebise nagaya kennaafi.
Nama waan hamtu isani tolche waan hamtu intolchiina; nama isani abaare inabaariina, ammo eebisaafi; wonti akanatiifi Waaqi, gaafa isani yaame, Eeba isanii kenna jed'e.
Inni waan jed'e, Anini inkakhad'a, aka si eebise, ilmaani heddu sii kennu.
Hojja Sanduqi Wold'aqisa godaana kae ch'ufa, Musani waan jed'u, AABBO Waaqa, kai: Nyaapa kanke gargari baasi, nama si jibbule ufi duraa gussi!
ammo Shamani oobru suni keesa chochou dide worra Filisti had'e fit'e. AABBO Waaqi guyya sunile worra dabsacha guddo kenneefi.
Ee AABBO Waaqa, worra rifachiisi, worri namuma, woma keesa injiru, ka akasi ufi beekhuti.
Hojattu tante naasuuni ilaali, jaalala tante ta ind'umanneeni na baasi.
Worri ha aka bisaani fooqate baddu, aka buuyo kara keesa mach'arsani.
Anini kanketi na baasi! Anini aka seera kanke guutu ya iti game.