Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 28:3 - KITAABA WAAQA

3 Nama ch'ubbu tolchu, ka hameenna jaalatu — worra dubbi nagaya dubbate, ammo garaa isaani keesa hameenni guutu woliini, na imballeesini.

Gade chapit la Kopi




Faaru 28:3
17 Referans Kwoze  

Dubbini isaa damma ira mioofti ammo garaa isaa keesa jibbaati jira; jechi isaa d'ad'a ira laafa, ammo aka goraade nama mura.


Nami ch'ufti wolti kiyyibe, dubbi d'araatiini wolsoba.


Worra ch'ubbu woliini na imballeesini; badii nama woi ijeesule jalaa na baasi —


Raagi d'ufe worra isa nyaachisuuni, Lafti nagaya jed'e soba, ammo ka isa woma afaani imbuumne, Lafti nagaya inqabdu jed'e naasisa. Raaga akana kanaani AABBO Waaqi waan jed'u,


Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani!


Isani fulla isaa ta guddinna ch'allati isaa gabuusu feetani; isani d'ara jaalatani. Afaani keesanini isa eebiftani, ammo garaa keesati isaa abaartani.


Inni hojja sire gubba ch'iisule waan hamtu malata; wonti inni tolchu tokoleeni dansaaniti, inni waan hamtu tokole indidu.


Ammo atini inuma agarta, atini gaargalafi laalala agarte, yo ch'ufa kurfo jirta aka nama qarqaartu. Nami qarqaarsa inqamne siti ufi kenna; atini haguma duriti d'ipata qarqaarte.


Ilaala, aka ch'ubbichi waan hamtu tae garaa ufii keesati uumu. Inni waan hamtu malate kiyyiba gadi d'ala.


Worra kana gara gaargala ind'umanne ergani, worra d'uga gara jireenna ind'umanne ergani.


Ee nama jaba, atini maafi jabeenna keetiini koorta? Jaalalti Waaqaa ta jiru jireennaati.


Afaani isaa abaarsafi kiyyibafi, dubbi nama sodaachiftuti keesaa baha. Inni yoosu dubbi ch'ubbu hamtu dubbata.


Musani waan gumiini jed'e, Waaro worra ch'ubbicha kana hanqad'a waan worra tokole inqabatina; hojja qabattani worra woliini isani balleesani maro ch'ubbu worraatifi.


Waan hamtu tolchu na d'owi, worra ch'ubbule iraa na fageesi. Haga anini jiru jila worrale keesaa sagale soorachu na d'owi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite