Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 27:6 - KITAABA WAAQA

6 Akanaani anini nyaapa na dabsu dabsad'e, Mana isaa keesati gammade lalabe sorio baasa; anini sirba baase AABBO Waaqa faarsa.

Gade chapit la Kopi




Faaru 27:6
38 Referans Kwoze  

Ammo atini, ee AABBO Waaqa, wonte naa taate, waan ch'ufa na dabsachiifte, garaa na jabeesita.


Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.


Worri sorio baase galata isaa deebise, gammade, sirba keesa waan inni tolche ch'ufa himuu male.


Nami Sioni keesa tahu ch'ufti ha lalabe, gammadaani isa faarsu! Waaqi, qulqullooni Israeli, gudda, inni gumi isaa keesa taha.


nyaapa kiyya jala na baase. Ee AABBO Waaqa, atini nyaapa kiyya na dabsachiifte worra hamama jala na baafta.


Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!


Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.


qonqo gammadaatifi ta qilit'amatifi qonqo gammada ta guyya fuud'a, d'agayani. Qonqo nama waan galata baasani Mana kiyyaani d'ufe sirbule d'agayani. Worri waan jed'u, AABBO Waaqa gudda galata deebisa, inni dansa, jaalalti isaaleeni haga jiru jireenna teeti. Anini lafa tana eebise finna duri isiini qabdu kaani deebisaafi. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Aka d'akha jiru koota, aka mana lubbutiini isani jaarani, aka qaalole qulqullo taatani, sorio dansa ta Waaqi fed'u Aabbo Yeso Kristo keesa baaftani.


Koota, AABBO Waaqa faarsina! Waaqa nu baase gammadaani sirbina!


Anini fulla atini deemte ch'ufa si woliini deeme, nyaapa kanke ch'ufa si duraa balleese, anini gurra gudda aka hayyooti lafa keesa jirtu ch'ufa qabdu sii kenne.


AABBO Waaqi waan jed'u, Maro Yakobotiifi gammadani sirba, maro gosa gosa ch'ufa ira guddotifi lalaba, faaru teesani d'aad'a. AABBO Waaqi ya gumi ufi baase, nama hafele ch'ufa ya baase jed'a.


Worri maro waan atini tolchiteefi guddinna keetitifi si faarsa.


Hayyichi galaana d'aatu karaa yau keesaa bisaani d'uge, jajabaate, lubbuuni iti deebiti.


Gammada, Waaqa jabeenna nuu kennu sirba, Waaqa Yakobo faarsa!


Gosa ch'ufa, gammada harka d'aa! Lalaba sirba, AABBO Waaqa faarsa!


Ee AABBO Waaqa, nu jabeenna kanke faarsina, ammalle sirbineti irre tantele faarsina.


Ee AABBO Waaqa, hayyuuni gammachu qaba, waan atini jabeenna isaa kenniteefi; maro atini isa dabsachifteefi inni akami gammada qaba.


Inni ammalle waan worraani jed'e, AABBO Waaqi keesani isani woliini jiraate, mirgaafi bitaani teesani ch'ufti nagaya taate. Inni nama duri lafa tana keesa tau ch'ufa harka kiyyati kenne, worri sunini amma isaanifi AABBO Waaqa jalati bula.


Ganna sodomi torbeeso ka Yekoniani hayyu Yuda boojiani, guyya diddami torbeeso ka jia kud'ani lameeso, Evil-Merodakini hayyu Babiloni tahe, Yekonia hayyu Yudati nahe hid'aansa keesa baase.


AABBO Waaqi Daudi harka Saulotifi ka nyaapa isaa jala baamnaani, inni faaru taanaani AABBO Waaqa faarse waan jed'e:


Guyya sadi keesati hayyuuni si fuud'e sii araarame huji te ta duriti sii deebise, akuma duri daad'iini gololchitu kaani gololchita.


Guyya sadeeso eegi oobju taani, maro qaabacha d'aloota isaatiifi, Faraoni jila hojattu isaati tolche; gololchitu daad'itiifi d'aabdu qit'a fuud'e hojattu ufii gurgudo duraani d'ufe.


Anini Waaqa yaamad'e, inni gaara isaa qulqullo iraa na jalaa owaate.


Lubbu tiyya kai! Kiraariifi dibbe tiyya kaa! Anini adule lafaa kaasa.


Waan galata ka anini sii kennu nara fud'ad'i, ee AABBO Waaqa seera kankele na barsiisi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite