Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 27:5 - KITAABA WAAQA

5 Guyya gaargalaa inni na baase, Mana ufii keesati na jabeese, d'akha d'eera gubbaa na kaya.

Gade chapit la Kopi




Faaru 27:5
33 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi doofi jabdu nami d'ugaa d'eete iti bahu fakaata.


Atini worra suni mala nyaapa isaani duraa fulla teeti d'ossite, araba nyaapa isaani dura fulla jabduti d'ossita.


Gaafa gaargali moga ch'ufaa na qabate, atini lubbu na baafta; atini nyaapa kiyya, ka nati dallanuni morkite harka kanke jabaani na baafte.


Nami AABBO Waaqati baqate, qarqaarsa isa iraa fed'atu,


Atini wonte tiyya ammalle fulla anini iti baqad'u; anini dubbi tante abdad'a.


Hojja gaargali isaniti d'ufu, na yaamad'a; anini d'ufe, isani baase, isanileeni na faarsitani.


Inni boola hamtu keesaa na baase, maansa anini keesa lit'e keesaa na fuud'e, d'akha gubbaa na d'aabe na jabeese.


Wonti akanatiifi isani qara ya dootani, jireenna keesani Kristo woliini ya Waaqa keesati d'ossani.


Akuma atini ila tante qorqorattu, nu qorqorad'i; koola kanke jalati na d'ossi,


Waaqi irre teenna, fulla nu iti d'eennu, ka hojja nu gaargala qamnu ch'ufa nu qarqaaru.


Gumi tiyya, kaa manati gala, balbala ch'ufad'a, haga dallansuuni Waaqa iraa galtuti d'okhad'a.


Hojja worri na yaamatu anini jalaa owaad'a; hojja worri gaargala keesa jiru anini worraa wahelcha. Anini worra baase ulfinna kennaafi.


Ee Waaqa naa nahi anini siti baqad'a, naa nahi. Anini haga gaargali badii kunini hobauti, gaadisa koola keeti jalati d'okhad'a.


Worri suni ch'ufti dao qilleensa nama ira d'owartufi fulla bubbe iti d'okhatani fakaata. Worri bisaani lafa gamooji keesa yaatifi gaadisa rabsu d'akhaa, ka lafa d'eebicha keesa tau, fakaata.


Anini hojja worra kiyya ira fago jiru, ka ufi jibbad'e si yaamad'a! Nami na qorqoratu, ka harka nyaapa kiyya keesa na baasu si; fulla anini iti baqad'u na geesi.


Inni aka habroble miila na sablise, gaara gubbati na tisse.


Worri mala hama gumi teetiti d'aate, nama atini qorqoratule balleesuu fed'a.


Hojja gaargala anini AABBO yaamad'a; anini halkani ch'ufa harka isa dura qabad'e isa kad'ad'a. Ammo waan garaa na jabeesa inargad'u.


Ee AABBO Waaqa, atini gumi tante gaargalchite, worri aka male laalefate siti bohe.


Ee AABBO Waaqa, atini maafi fago nura ejite hojja nu gaargala qamnu nu d'okhatta?


Ee Yerusalemu, Yerusalemu, atini raagoota fitt'e ergattu Waaqi siti erge d'akhaani d'oossite. Maro hagami anini nama kanke ch'ufa, aka lukuuni ilmoole ufi koola jalati guuratu sila guuru fed'e, ammo atini indidde.


Duuba ganna jaa ch'ufa, Mana Waaqa keesati ka Ataliani lafa mohate isa d'ossani.


AABBO Waaqa ha faarsani! Gaafa na marsani na had'ani, inni kara mamatiini jaalala isaa ta ind'umanne na garsiise!


Inni faaru hareeti Waaqa keennaani faarsani na barsiise. Nami hedduuni waan kana arge sodaate AABBO Waaqa abdata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite