Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 26:7 - KITAABA WAAQA

7 Anini faaru galataani si deebisani, d'aad'e, waan kanke ch'ufa biyyati hima.

Gade chapit la Kopi




Faaru 26:7
23 Referans Kwoze  

Ee AABBO Waaqa, anini garaa tokooni si faarse, waan mama ka atini tolchite ch'ufa odeesa.


Waan guddinna kanketitifi ka hayyuma teetile dubbatani; aninileeni huji tante ta mama waan isii herega.


Mana isaa keesati harka olfud'ad'a, AABBO Waaqa kad'ad'a isa faarsa!


Na qarqaari, seera kanke na hubachiisi, duuba anini waan mama ka atini tolchite herega.


AABBOONI Waaqa; inni haguma duriti nuu dansa. Qooti guura, jila iti keeyad'a, waan sorio irati baasanini mara.


Balbala Mana Waaqaa naa bana; anini seene, galata AABBO Waaqaa deebisa!


Sirba isaa faarsa, waan jabdu inni tolche odeesa.


Koota isa dura d'umne, galata deebimneefi, gammanne, sirbine isa faarsina.


AABBO Waaqa Israeli ha faarsaniti! Waan mama kana ch'ufa isuma ch'allati tolcha.


aka anini worra Yerusalemu dura eje, waan anini siini faarsu ch'ufa iti himu. Anini waan atini na baafteefi guddo gammada.


Anini aka ilma argad'u AABBO Waaqa kad'ad'e jennaani inni gurba kana naa kenne.


Eegi harma iraa kutte isiini isa Shiloti geesite, ammalle isa woliini jibicha korma ka ganna saditifi kilo kud'ani ta dargaye daakhanitifi gorjo daad'i miju geesite. Gaafa suni ka isiini Samueli Mana AABBO Waaqatini d'ufte inni waan diqa.


Guddinna isaa gosa ch'ufati odeesa, huji isaa ta mama gosa ch'ufati hima.


Anini maro teetifi gammade qilit'ame si faarsa, Ee AABBO Waaqa gudda.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite