8 Hayyuuni guddinna kunini eenu? Inni AABBO Waaqa, ka jabeennaafi irre qabu, AABBO Waaqa, ka nyaapa ufi dabsatu.
Anini millannaani farda borora arge. Nami isa yaabatu guube harkaa qaba, sure hayyuma kennaniifi. Inni aka nama nama dabsatu dabsachu d'aqe.
AABBO Waaqi abba duulaati; maqaani isaa AABBO Waaqa.
Maskali gubbati Kristoni jabeenna mohachafi irre gubba balleese, waan suni ch'ufa aka waan duuli boojie galche diidati nama agarsiise.
AABBO Waaqi hayyu. Inni guddinnaafi jabeenna uyyifata. Lafti fulluma ufii ejiti, dandaani inchochoosani.
Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.
AABBO Waaqi guddaani dubbate, lafa ch'ufa ilaborutiifi ila adule yaame.