Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 24:5 - KITAABA WAAQA

5 Nama suni AABBO Waaqi eebise baase, atini wollaala inqabdu jed'aani.

Gade chapit la Kopi




Faaru 24:5
31 Referans Kwoze  

isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.


Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne.


Anini guyya dabsacha ya gad'ieese. Guyyaani sunini fago injiru. Baafami kiyya inturu. Anini Yerusalemu baase, achiti worra Israeli gurra iti tolcha.


Nama waan hamtu isani tolche waan hamtu intolchiina; nama isani abaare inabaariina, ammo eebisaafi; wonti akanatiifi Waaqi, gaafa isani yaame, Eeba isanii kenna jed'e.


Wonti Kristoni waan kana tolcheefi aka eeba Waaqi Abrahamu kakhate, maro Yeso Kristotiifi gosa d'ibilee kennani, ammalle aka nuleeni maro d'ugefachatiifi Lubbu Waaqi kakhate arganu.


AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.


Galata deebisitiini sorio nani guddisani; aninileeni nama naa saalfatu ch'ufa imbaasa.


Nu inhereganna aka Waaqi d'uga nuu heregu; nu waan kana eeganna, jabeenna Lubbu Waaqa ta d'ugefacha teenna keesa hojattu suniini.


Abrahamuni d'ugefateti eeba argate; tanaafi nama d'ugefatu ch'ufa akuma isaa eebisani.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:


Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.


Anini AABBO Waaqa keesa gammade, waan Waaqi kiyya wo naa tolcheefi qilit'ama. Inni yayu woya baafama nati uyise, ubaara d'uga naa kaaye, akuma worri wolfuud'u faaya dadansa naqate ufi mid'aasu.


Ammo woraani tokoleeni dandae woma si intolchu; nama si himatu ch'ufa waan jettuuni qabda. Anini hojatu tiyya ch'ufaa kalche, waan ch'ufa worra dabsachiisa. Dubbi tana AABBO Waaqati jed'e.


worri akuma waan raamooni nyaatte bada. Ammo d'ugaani tiyya haga jiru jireenna teete, baafami kiyya haga d'aloota ch'ufa taa.


Ammo AABBO Waaqati baafama haga jiru jireennatini worra Israeli baase, haga worri jiru ch'ufa ch'eeru d'owa.


Ee AABBO Waaqa qarqaarsa kiyya, anini guyya ch'ufa si yaamad'e, halkani ch'ufa si dura d'ufe si kad'ad'a.


Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.


AABBO Waaqa, ka guyya ch'ufa ulfinna nuraa fuud'u ha faarsani; Waaqi nu baasu isuma.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite