3 lubbu nati deebisa. Inni akuma nati kakhate kaani kara qajeela na qajeelcha.
Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.
Atini siida kiyya ka anini iti d'eed'u; akuma atini kakhate na qajeelchi, nani deemi.
Seeri AABBO Waaqaa qit'e, irre namati tolcha. Dubbini AABBO Waaqaa yo d'ugeefatani nama woi imbeennele inqaaroomsiti.
Ee Waaqa, garaa qulqullo naa kenni, lubbu hareeti sira gara ingalle na keesa kai.
Ee AABBO Waaqa, nyaapi kiyya ya heddate, kara kanke ka d'ugaati na qajeelchi, dandi tante naa diideesi.
Gammada baafami kanke namaa kennu naa deebisi, garaa sii saalfatu naa kenni.
inni lubbu nama duu baase, ifsa jireenna kennaafi.
Anini kara d'ugaa gula deema, daandi qajeeluma iraa ingoru.
Anini nama jaalad'u ch'ufa gorseti gaargalcha. Jabaad'u daba kanke iraa deebii.
Ee Waaqa, nu qarqaari, nu baasi, maro maqa keetiti jed'i, ch'ubbu teenna nu araarami nu baasi.
D'ugaani AABBO Waaqa dura deemte, kara hartiifi.
Anini yayu qaroomafi kara dansa atini keesati bultu si barsiise.
Anini yayu aka hooliye bade kara iraa gore; anini seera kanke indeene, kooti, ana, hojattu tante, barbaadi.
Ammo anini worra imballeesine; wonti akasitifi yo gochiti anini ila worra durati worra Israeli lafa Misiri keesaa baase taani na agarte ya gurri na bade.
Anini mirgaa worraani d'ufe muumme lafale worra guure galcha. Naafafi ballaleeni worra woliini d'ufe, nad'eeni garaacha qabdufi, ta diquma ind'alinileeni worra woliini d'ufti, worra gumi heddu muumme inqamneti gala.
Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi.
AABBO Waaqa wolumaani guddimne maqa isaa wolumaani faarsina!
T'urura naa kayani keesaa na baasi, gaargala naraa d'owi.
Ammo inni akuma qara kakhate kaani worra baase, akanaani jabeenna isaa gudda nama garsiise.
Ammo AABBO Waaqa kiyya, akuma atini kakhate na qarqaari, maro dansumma jaalala teetitiifi na baasi.
Anini nama dad'abi qabu hafuura baase, nama beelti ijeefte sagale quubsa.