Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 22:1 - KITAABA WAAQA

1 Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, atini maafi na lakifte? Anini siti bohe qarqaarsa si kad'ad'e, ammo atini na baasu didde.

Gade chapit la Kopi




Faaru 22:1
23 Referans Kwoze  

Ammalle saa sagali geennaani, Yesoni qonqo guddooni iye waan jed'e, Eli, Eli, lama sabakthani? Akasi jechaani, Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maafi na lakifta?


Saa sagali geennaani, Yesoni qonqo guddooni iye waan jed'e, Eli, Eli, lama sabakthani? Akasi jechaani, Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maafi na lakifte? jecha.


Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.


Duuli nama ch'ubbuu na marse; aka yayi nati baafate, harkaafi miila kiyyale ch'ufa tatarsaase.


Fulla sila wo nyaad'u tae boha, hojja ch'ufa waad'e imimaani na keesaa yaani.


Duuba inni waan worraani jed'e, Tunini dubbi tiyya ta anini isaniini jed'e, ato isani woliini jiru; wonti ti kiyya ta kitaaba Seera Musatifi ka raagootatiifi ka Faaru keesati t'aafani ch'ufti guutamu malte.


Ee AABBO Waaqa, atini maafi fago nura ejite hojja nu gaargala qamnu nu d'okhatta?


D'araa hori gula imbadiina; waan qabdani sifefad'a. Wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Anini haga jiru isani illakisu; haga jiru isani biraa indeemu.


AABBO Waaqi yayu kakhu jabdu kakhate, tanaafi inni isani illakisu. Wonti akanatiifi inni ya isani fohate nama ufii isani tolche.


Naraa infagaatiini! Gaargali ya nati d'iaate, nami na qarqaaru d'ibiini injiru.


Worri waan jed'u Waaqi ya lafa isa buuse; koota, yaane isa qamna, nami isa baasu injiru.


Anini guyya dabsacha ya gad'ieese. Guyyaani sunini fago injiru. Baafami kiyya inturu. Anini Yerusalemu baase, achiti worra Israeli gurra iti tolcha.


Anini yayu laafe ufi jibbaad'e lafati na ch'arasani; gaarani kiyya na hamaate tae, d'ukubsad'e waad'a.


wonti akanatiifi AABBO Waaqi d'uga jaalata, gumi isaa qulqulloole illakisu. Inni haga jiru jireenna worra qorqorata, ammo ilmaani ch'ubbicha lafa keesa gussani.


Ee Waaqa, anini siti d'eed'a na qorqorad'i.


Waan inni guddo gaargala qabuufi guddise kad'ate; damfi isaa lafati ch'och'obe d'iiga fakaate.]


Nuni ch'ufti aka goorjama d'anga d'oomne aka sabalisa boonna. Nu d'uga barbaanne d'amne, nami nu baasu nura fago jira.


Worra ch'ubbu woliini na imballeesini; badii nama woi ijeesule jalaa na baasi —


Qit'a suni ch'ach'absi, d'ad'a iti naqi, qit'aani suni mid'aani Waaqaa baasani.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite