7 Hayyuuni AABBO Waaqa gudda abdata; maro jaalala Waaqa ta ind'umanneefi hayyule inchochomne.
Anini waan ch'ufa keesa AABBO Waaqa dursa, waan inni hojja ch'ufa na woliini jiruufi nami tokoleeni dandae na inchochoosu.
waan jed'uuni atini siida kiyya, ka anini iti baqad'u; Waaqa kiyya, ka anini abdad'u.
Ee AABBO Waaqa d'uga naa muri, wonti akanatiifi anini ya waan d'uga tolche, si ch'alla d'aabad'e.
AABBO Waaqi d'akha kiyya, siida jaba ka anini jalati d'okhad'u. Waaqi kiyya siida kiyya, ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa.
Anini maro teetifi gammade qilit'ame si faarsa, Ee AABBO Waaqa gudda.
Inni ammalle waan jed'u, Anini abdi tiyya Waaqa ira keyad'a. Ammalle inni waan jed'u, Anini ijoolle Waaqi naa kenne woliini jira.
Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.
Daudi amma ya gaargali hamaani qabate, wonti akanatiifi jari isaa ch'ufti maro ilmaani d'abeefi yayu garaani hammate ijeecha isaati malate; ammo AABBO Waaqi garaa isaa jabeese.
Inni Waaqa d'ugefate, Anini Ilma Waaqa ufiini jed'a. Yo akasi taate, aka amma Waaqi isa baasu fed'u ilaalu feena.
Mana kanke qulqullo keesa haga jiru jireenna na teesisi; gaadisa koola keeti jalati na tissi.
Anini jaalala tante ta ind'umanne heregad'a; maro atini naa baaftufi ingammada.
Ee hayyicha gudda, goraade tante fud'ad'i, hid'ad'i atini guddinnaafi jabeenna qabda.
Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.