Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 21:5 - KITAABA WAAQA

5 Maro qarqaarsa keetitifi guddinni isaa yayu guddate; atini yayu gurrafi ulfinna gudda kenniteefi.

Gade chapit la Kopi




Faaru 21:5
24 Referans Kwoze  

ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.


Wonti nu jennu tana: nu qaallu gudda akana ka barch'uma Waaqa Gudda harka mirga gubbaa tau qamna.


Guddinna atini naa kennite anini yayu worraa kenne, aka worri ch'ufti takaa tahu, akuma anaafi sii takaa.


Ee Aabbo, amma tana guddinna naa kenni, guddinna nu ato lafti inuumamiini woliini qamnu suni.


Yesoni dubbi tana jennaani gubba olmillate waan jed'e, Aabbo, hojjaani ya geete. Ilma kanke guddisi, aka Ilmi si guddisu.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Kunini eenu, ka dira Bosra ka lafa Edomuti d'ufu? kunini eenu, ka woya diimtu mid'aadu keeyate, irre ufi guddooni deemu? Inni AABBO Waaqa, ka irre namaani baasu qabu, ka d'uga ch'alla dubbatu.


AABBO Waaqi waan hayyicha abba kiyyatiini jed'e, Kooti arma moga tiyya ta mirga tahi, haga anini nyaapa kanke miila kanke jalati deebisuti.


Guddinnaafi ulfinni kama isaati, jabeennaafi mid'aagumti fulla inni tau jirti.


Baafamafi gurri kiyyaleeni Waaqa iraa d'ufa; inni nama na qorqoratu jaba, ka anini iti baqad'u.


Atini gaafa isa uumte isa ufiti aansite; atini ulfinnaafi guddinna isaa kennite.


Ammo atini, ee AABBO Waaqa, wonte naa taate, waan ch'ufa na dabsachiifte, garaa na jabeesita.


Anini amma si kad'ad'a, d'aloota kiyya eebise, aka worri naasu tante hojja ch'ufa argatu. Atini, ee AABBO Waaqa, yayu worra eebifte, ammalle eebiti tante haga jiru jireenna d'aaloota suni iraa imbaatu.


Aka wonti kunini ingahiini atini ammalle waan hagasi ira jirani nu tolchuu jirta, ee AABBO Waaqa; atini yayu waan d'aloota kiyya ka d'ufu kakhate, ee AABBO Waaqa karaani atini nama wo tolchitu kanuma?


Ammalle yo atini dubbi tiyya ch'aqafte aadaafi seera kiyya guute, akuma Abba kanke Daudi anini lubbu sii d'eereesa.


Ee Waaqa, inni haga jiru jireenna ha si durati lafa fidu; jaalala tante ta ind'umanneefi d'uga tanteetiini isa qorqorad'i.


Ammalle fit'eesa gaara Hermoni, ka kubile Sioni jiisu, fakaata. Arti irati AABBO Waaqi eeba jireenna ind'umanne namaa kenna.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite