Irreeni isaa ta namaati, ammo teenna ta AABBO Waaqa keennati, ka nu qarqaare nyaapa keenna nuraa d'owu. Biyyiti dubbi hayyu tana d'ageete jennaani garaa jabaate.
Asani AABBO, Waaqa isa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, atini dandeete jabaafi laafale qarqaarta, amma nu qarqari, ee AABBO Waaqa keenna, nu si abdanne, maqa kanketini duula muumme inqamne kana had'u d'ufne. Ee AABBO, atini Waaqa keenna; nami si dabsatu tokoleeni injiru jed'e.
Daudini askarti isaa nama kuma tokofi d'ibba torba ta fardatifi ammalle nama kuma diddama ta miilaani yaatu qaba. Inni farda gaari hirkisu ka d'ibba toko gahu lakise ka ira hafe ch'ufa nanaafise.