Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 19:7 - KITAABA WAAQA

7 Seeri AABBO Waaqaa qit'e, irre namati tolcha. Dubbini AABBO Waaqaa yo d'ugeefatani nama woi imbeennele inqaaroomsiti.

Gade chapit la Kopi




Faaru 19:7
41 Referans Kwoze  

Barsiisaani tante hojja namaa diigaani ifsa namaa taate, daallele woi hubbachifti.


Wonti inni tolche ch'ufti waan d'uga ka d'ugeefatani; gorsi isaa ch'ufti waan nami d'ugeefate fud'achuu male.


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Inni nama woma imbeenne woi barsiise, kaimale beekhaafi qalbi dansa kennafi.


lubbu nati deebisa. Inni akuma nati kakhate kaani kara qajeela na qajeelcha.


Dubbini tante ifse tiyya, isiini kara naa ifsite naani deemti.


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Ammo yayabi Waaqi keyate dandae inchochou; ammalle dubbi tana irati t'aafani: Aabbooni worra isaa ch'ufa fuula beekha; ammalle, Nami nama Waaqa ufiini jed'u hameenna lakisu male jed'ani.


Ee AABBO Waaqa, seeri kanke haga jiru injijiramu ammalle Mani kanke haga jiru jireenna qulqullo.


Aabbo Yeso d'ugeesu inch'eerfatiini; ana ka maro isaatiifi hid'anile inch'eerfatiini. Ammo, maro Odu Dansaatiifi gaargala obsi, akuma Waaqi jabeenna sii kenne.


Waan isani jettaniini, waan AABBO Waaqi isaniini jed'u ch'aqasa, Worra ekhera yaamatu inch'aqasina — wonti worri isaniini jed'u woma isaani imbaatu.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Wonti akanatiifi waan t'aafi keesati t'aafani ch'ufa aka nu barsiisaniifi t'aafani, aka nu abdi maro jabeennaafi obsa t'aafiini nuu kennitu argannu.


Anini aada tante haga jiru jireenna injabeesa, isiini waan garaa kiyya gammachiisaati.


Dubbini kitaaba Seera tunini afaani si imbuini. Halkani guyya soomi, qalbi keesa keeyad'i, waan keesati t'aafani ch'ufa guuti, jabeesi, akanaani karaani kanke qajeele, wonti atini tolchitu ch'uftu sii guutamti.


Raagi ch'ufti isa d'ugeesa, aka maro maqa isatiifi nami isa d'ugefatu ch'ufti araarama argatu.


Seeri kanke ka atini na barsiifte qarsifi worqile ch'ufa ira woi naa baha.


Waaqa kana karaani isaa akami qajeela, dubbi isaa akami d'ugefachu malani! Inni nama isaati d'iaatu wonte tahafi.


Anini hojja ch'ufa seera isaa guute, fed'i tiyya lakise ta isaa tolcha.


Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


Gorsi kanke na gammachiise kara naa qajeelcha.


Anini hori horad'ule ch'ufa ira hojja jecha kanke gula deemu gammada.


Isani T'aafi keesa barbaaddani waan isi keesa jireenna hegeri argattani ufi seetani. Ammo T'aafinu naa d'ugeesiti!


Isani jari kiyya seera Waaqi nati kenne jabeesa qorqorad'a,


Aada tante, ta atini haga jiru jireenna jabeesite badu d'owarte, anini duri barad'e.


Kaimi akami dandae qulqullumaani taa? Yo dubbi tante guute gula deeme ch'alla.


AABBO Waaqi d'aloota kiyya akasuma eebisa. Waan anaafi inni wold'aqisa hegeri woliini tolfanne, wold'ageeti haguma jirtu imbannefi kakhu injijiramne wolti kakhanneefi. Woni anini fed'u tanuma, tanumati dabsacha na taha, Waaqileeni tana inuma guuta.


Anini miila isiti jige isii guddise, ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini hojattuma aka keetiiti, ammalle aka oboleyaani teeti, worra d'uga Yesoni mullise jabeesu ch'ufa. Waaqa guddisi! Wonti akanatiifi d'uga Yesoni mulliseti raagoota dubbachiisa.


Kara ch'ufaani guddo wo baati! Wonti qaraa fiit'e Waaqi d'aamsa ufi Yahuditi d'aamate.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite