Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 19:13 - KITAABA WAAQA

13 Ammalle ch'ubbu anini beekha tolchele duraa na baasi; isi na mohachu d'owi. Duuba akanaani anini qulqullae, ch'ubbu iraa fagaad'a.

Gade chapit la Kopi




Faaru 19:13
21 Referans Kwoze  

Akuma atini kakhate jiguu na d'owi, hameenni na indabsatini.


Tanaafi anini guyya ch'ufa Waaqafi nama duraleti aka wollaala male deemu ufi d'owa.


Daudini aka Nabalini due d'agaye jennaani maqaani AABBO Waaqa ha guddatu jed'e, Inni yayu Nabali nama na arabse ijeese, haalo na baase, waan hamtu anini sila tolchu ch'ufa na d'owe. AABBO Waaqi yayu Nabali maro ch'ubbu isaatiifi waan isaa male itiini d'ufe. Jennaani Daudini qonqo Abigailiti erge, si fuud'u fed'a jed'eeni.


Waaqi wonte tiyya, inni nama garaa dansaani isa gula deemu imbaasa.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Jennaani Waaqi oobju keesa waan jed'eeni, D'uguma anini imbeekha, aka atini waan d'uga seete taate, tanaafi anini ch'ubbu si d'owe isi bira gahu si d'owe.


keesuma worra d'araa nafa hama gula yae jabeenna Waaqa tuffatu. Barsiiftuuni d'ara tunini ch'ufti daalle kiyyibdu, ta mata jabaattu, ta uumata gubba jira insodaanne arabsitu.


Anini isa durati qulqullo, waan hamtu ch'ufa ya ufi hanqise.


AABBO Waaqi ka d'ugaati, inni waan d'ugaa ka qajeela jaalata. Nami d'ugaafi qajeeluma gula deemu isaa inarga.


Nama dallansuuni beekhaa nama ijeese, ha isale ijeesani, ato inni fulla sorio iti na baasanile d'eete.


Waan atini worra Israelitini jettu, hojja nami danu waan AABBO Waaqi seera ch'abse ch'ubbu tolche, inni akana tahu male.


Hojja gumiini Israeli ch'ufti danu seera AABBO Waaqa ch'absite akasiini ka imbeekhini ch'ubbu tolchite,


Hojja nami gosa dura deemu danu seera AABBO Waaqa ch'abse, akasiini ka imbeekhini ch'ubbu tolche,


Yo gumi keesa nami toko danu seera AABBO Waaqa ch'abse, akasiini ka imbeekhini ch'ubbu tolche,


Atini Waaqaani, wollaala kiyya na garsiisi ya jette? Atini aka waan hamtu lakiftu ya ee jette?


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite