8 Aari funnaani keesaa yae, ibida woi gube balleesuufi ch'ileeni bobeetu afaani keesaa yaate.
Inni hojja d'ufu aka ibida bobau gube worra balleesa. AABBO Waaqi dallansu isaa keesa worra liqimse, ibidileeni worra hobaasa.
Inni ch'ile bobeetufi aara gubbaa gabuuse ch'ubbicha gubbati rooba; bubbe woi gubduni worra gube balleesa.
Anini isani nama haga gari, akuma anini Sodomafi Gomora balleese, balleese. Isani nami hafe aka qoraani ibidaa, ka ibida keesaa fuud'ani, jirtani. AABBO Waaqi waan jed'e, Taatule isani nati indeebine.
nafa isaa ch'ufa lola ibidati keesaa yaa. Nama kuma hedduti isaa hojata, ammalle nama muumme inqamne, ka kunki kunkiti, isa, dura ch'iisa, kori tae, kitaaba banani.
Jennaani AABBO Waaqi nama d'ibba lamafi shantama ka hit'aanaani d'ufe kaani ibidaani gube hobaase.
Duuba AABBO Waaqi durati worra gube hobaase.
Inni gara lafa Sodomafi Gomoratiifi bale lafa suni ch'ufa millate jennaani aara gudda lafa suni keesaa kau, ka aka aara boola ibida keesaa bahu fakaatu, arge.
Yo nami worraa tuqu fed'u, ibidi afaani worra keesaa bahe, nyaapa worraa balleesa; akanaani nama worra tuqu fed'u ch'ufa ijeesani.
Inni lafa millannaani isiini hollatte; inni gaareeni tunnaani aari keesaa bahe.
Ee Waaqa, atini maafi akana nu lakifte? Atini haga jiru jireenna gumi teeti dallanta?
Waaqi keenna d'ufuu jira, hojja d'ufele afaani inqabatu; ibida bobae balaliuti isaa dura jira, bubbeeni guddooni isaa d'aatu jirti.
AABBO Waaqi nama akana kana inaraaramu ammo dallane aka ibida iti bobae, abaarsi kitaaba kana keesati t'aafani ch'ufti isa ira deebie, AABBO Waaqi maqa isaa lafa gubba balleesa.
Gumiini gaargala ufiiti AABBO Waaqati gungumte, jennaani inni d'agaye dallane, ibida gubbaa worrati erge.
Afaani isaa keesaa ibidi bobae, qaanqeeni isa keesa oriti.
Nami mudamsu baqatu ch'ufti boola keesa bua, ammalle nami boola baqattu t'urura keesa bua. Bokayi gubba farqate, yayabi lafaleeni chochoa.