Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 17:8 - KITAABA WAAQA

8 Akuma atini ila tante qorqorattu, nu qorqorad'i; koola kanke jalati na d'ossi,

Gade chapit la Kopi




Faaru 17:8
16 Referans Kwoze  

Inni lafa alooti isa arge, lafa bubbiftu gamoojiti fuud'e qorqorate, akuma ufi jabeesu jabeese.


Inni koola isaa jala si keeyate, si d'osse, si qorqorata; d'ugaani isaleeni woraanafi wonte si taati.


Nami AABBO Waaqati baqate, qarqaarsa isa iraa fed'atu,


Seera kiyya jabeesi, duuba injiraata. Barsiisa tiyya akuma ila tante qorqoratu qorqorad'u.


Ee Yerusalemu, Yerusalemu, atini raagoota fitt'e, jara siti ergani d'akhaani d'aante! Maro hagami sila ijoolle tante ufi jalati guura, aka lukuuni ilmoole ufi koola ufi jalati guurtu, ammo atini indidde.


Nami isani tuqe ya guma ilaa naa tuqe. Jennaani AABBO Waaqi Guddaani d'aamsa kanaani gara gosa gumi isaa saamte na erge waan jed'e.


Ee Waaqa, jaalalti tante ta ind'umanne akami dansa! Nu koola kanke jalati nyaapa keenna duraa d'okhanna.


Ee Waaqa naa nahi anini siti baqad'a, naa nahi. Anini haga gaargali badii kunini hobauti, gaadisa koola keeti jalati d'okhad'a.


Waan atini waan kana taateefi AABBO Waaqi si eebisinna. AABBOONI, Waaqi Israeli, ka atini moona isaa d'eete, waan ch'ufa sii kenninna.


Mana kanke qulqullo keesa haga jiru jireenna na teesisi; gaadisa koola keeti jalati na tissi.


Ee Yerusalemu, Yerusalemu, atini raagoota fitt'e ergattu Waaqi siti erge d'akhaani d'oossite. Maro hagami anini nama kanke ch'ufa, aka lukuuni ilmoole ufi koola jalati guuratu sila guuru fed'e, ammo atini indidde.


wonti akanatiifi atini haguma duriti na qarqaarte, tanaafi anini gaadisa koola keeti jalati gammadaani sirba.


Ee Waaqa, anini siti d'eed'a na qorqorad'i.


Nu sagale guddo atini nu kennite sooranne; dansuma tante ta aka galaana yaatu d'unna.


Anini Waaqa gudda, ka waan ch'ufa ira jiru, ka waan anini fed'u ch'ufa naa kennu, yaamad'a.


Ee Waaqa, atini kakhu anini siti kakhad'e ya d'ageete, ammalle d'aala nami maqa kanke sodaatu argatu ya naa kennite.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite