Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 15:5 - KITAABA WAAQA

5 ka hori namaa liqeese tirfi ira infud'anne. Ka gumbo fud'ate nama woma iyyakini dubbi d'araatiini inhimanne. Nama waan akana kana tolchu ch'ufa dandaani inchochoosani.

Gade chapit la Kopi




Faaru 15:5
29 Referans Kwoze  

Worri d'ara gula dubbi qore, yokhaani nama ira inch'iisini. Ammalle gumbole inyaatini, wonti akanatiifi, gumbooni ila nama qalbi qabule duuchite, nama d'ugale kiyyibsifti.


Yo isani hiyyeesa kiyya beese liqeesitani, aka nama nama beese liqeesu ufi tolchitani, beese liqeesitani taani male tirfi womatu ira imfed'atiina.


Nami kanke ka d'ibileeni gumbo fud'ate nama fit'a. Hagi garileeni gati gosa ufiti kenne, tirfi jala fed'ate, akasiini nama dabse ufi duroomsa. Worri kunini ch'ufti ya na ded'e. Nami dubbi tana jed'e AABBO Waaqa gudda.


Inni beese namaa liqeese tirfi iraa ibarbaadu. Inni waan hamtu intolchu, yo nami wold'abule d'uga gula dubbi mura.


Yo isani waan kana beetani tolchitani, ayyaana keesani!


Nami hamani jireenna isaa keesa jajabaate ineju, ammo nami d'ugaa inchochou, jajabaateti eja.


Nami dansaani haga jiru ind'ipatu; guyya ch'ufa isa qaabatani.


Ayyaana isaati ka d'uga tolche, seera isaa hojja ch'ufa guutu.


Gaargala kanke AABBO Waaqati kennad'i, nami si jabeesu isuma; inni aka nama d'uga dabsatani ee injed'u.


Anini waan ch'ufa keesa AABBO Waaqa dursa, waan inni hojja ch'ufa na woliini jiruufi nami tokoleeni dandae na inchochoosu.


waan jed'e, Yo anini Yeso harka keesaniti kenne, maani naa kennitani? Duuba worri qarsi sodoma fuud'e kenneefi.


Worri ch'ufti aka waan hamtu tolchu ya iti ogeesa tahe. Jaaroleefi jaallabi gumbo nama ira fud'ata. Nami gurra qabu waan fed'u worra suniti hime duuba ch'ubbu iti wold'aqani.


Hojja ch'ubbichi daba lakise waan d'uga qajeeltu tolchu, inni lubbu ufi baasa.


Waan hamtu tolchu dide, hori namaa liqeesule tirfi ira barbaadu dide, aadaafi seera kiyya jabeese guute, inni induu, ammo injiraata.


Nama d'uga tolche qajeela dubbatu, ka hiyyeesa indabsine, ka harka isaatini gumbo imfud'anne, ka gurra isaatini waan ijeecha d'agayu, didu, ka ila isaatini waan hamtu ilaalu didu,


ammalle anini guddo dallane lola keesati harka kiyyaani isani balleese, nad'eeni teesanileeni haad'a hiyyeesaa taate ilmaani teesanileeni hiyyeeyi taati.


Hojja AABBO Waaqa keesaniti kakhattani, hurrisa waan iti kakhatani suni baasa; wonti akanatiifi AABBO Waaqi keesani waan suni isani ira fed'a, yo isani guutu baattani wollaala isanii taati.


Anini amma kunooti hojja anini wo yake, amma tana na himad'a, AABBO Waaqafi hayyu inni muude kana durati, anini taka loonifi harre yayu nama ira fud'ad'e? Anini taka nama sobe yokhaani ya dabse? Anini taka yayu gumbo nama ira fud'ad'e? Yo anini waan kana tokole tolche ani amuma tana baasa.


Nami d'ugaa fulla iti bahu qaba, ammo ch'ubbichi fulla iti bahu inqabu.


Nami kara dabaatini woi horatu worra ufi balleesa, ammo nami gumbo jibbu injiraata.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite