Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 14:1 - KITAABA WAAQA

1 Daalleeni, Waaqi injiru ufiini jed'a. Worri worra ch'ubbuti ya waan hamtu tolche; nami waan d'uga tolchu tokoleeni injiru.

Gade chapit la Kopi




Faaru 14:1
32 Referans Kwoze  

Ch'ubbichi herega isaa keesa diqole Waaqa inargu; inni kiyyibe, Waaqi injiru jed'a.


Daalleeni Waaqi injiru ufiini jed'a. Worri worra ch'ubbuti, waan hamtu tolche; nami d'uga tolchu injiru.


Waan kana daalleeni imbeetu, gowaani inhubatu:


AABBO Waaqi aka hameenni namaa lafa ira dabre, ammalle heregi garaa worraa hojja ch'ufa hama arginaani,


Isani ilmoole bofaati! Akami dandeetani waan dansa dubbattani, yo isani hamamo taatani? Wonti akanatiifi afaani waan garaani qabu dubbatani.


Ammo Waaqi waan jed'eeni, Atini daalle, halkani kana lubbu tante fed'ani; horiini atini olkeete suni ka eennu taha duuba?


Garaa keesaa herega hamafi ijeechafi wolbarachaafi ch'abanumafi hannafi d'arafi arabati baha.


Nami qalbi horachu fed'u, qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachu male. Daalleeni qarooma tufate woi barachu diddi.


Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.


Gaafasi isani Kristo iraa fago jirtani. Isani nyaapa, gumi Waaqa ta fohatani keesa injirtani. Wold'aqisa Waaqi gumi isati khakhate keesaa inqabdani. Lafa tana keesa abdifi Waaqa male teetani!


Ato atini daalle butuchite d'aantele daalluma isaa dandeete keesaa imbaaftu.


Isani daalleeni, haga yoomi daalluma keesa tau feetani? Isani haga yoomi beekha tufachu lakiftani? Isani haga jirtani woma imbaratani?


Ka atini teete, Waaqi maani beekha? Isa dumansinu ind'ossa, akami dandae nama qora? jettu.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Waaqa beenna ufiini jed'ani, ammo hujiini worraa ind'areesiti. Worri nama jibbani, namale inch'aqasu, waan dansa tokole dandae intolchu.


Badi teesani, isani gosa ch'ubbiti dabditi hameennani yaatu! Ch'ubbu teesaniti gadi isani hirkisa! Isani yayu AABBO Waaqa qulqullo Israeli diddani, dudda iti garagaltani.


Worri ka gari daalle tanaafi maro dabaafi ch'ubbu ufiitiifi gaargali qabata:


eesa dandae nama ch'ubbicha hama, ch'ubbu aka bisaani d'ugu, d'ugeefata?


Dubbi woni raaticha Nabali jed'ani kana gula indeemini, inni maquma isaa fakaata, maqaani isaa Nabali daalle jecha, innileeni akasuma daalle! Aabbo, gaafa hojattuuni tante d'ufte anini achi injiru.


Waan barbaadani argachani akami dansa, ammo daalle ch'ubbu ira deebiitini guddo iti jabaati.


wonti akanatiifi gaafa anini aka worri ch'ubbuu woi horate waan sunini kooreeni arge, anini worra d'iibifad'e.


Lafa ira nami tokoleeni, ka hojja ch'ufa d'uga tolche wollaala inqamne, injiru.


Gumiini AABBO Waaqa isa didde waan jette, inni woma intolchu. Wonti hamtuni nuti ind'uftu, woraanafi beelale inagaru.


Worri ch'ufti ya mata jabaate, na dide; mata jabeenni worraa akuma sibiila diimatifi guraacha jira. Worri ch'ufti nama waan hamtu tolche, fulla ch'ufaa yae nama nyaatu.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite