24 Aka hameenni tokoleeni na keesa jiru laali, kara jiru jireenna gula na qajeelchi.
Atini Waaqa kiyya, fed'i tante na barsiisi. Dansuma tanteetiini kara qajeela naa akheekhi.
Ee AABBO Waaqa, nyaapi kiyya ya heddate, kara kanke ka d'ugaati na qajeelchi, dandi tante naa diideesi.
Anini garaa tokooni seera kanke jabeese guuta, maro atini hubacha naa dartuufi.
Atini kara jireenna na garsiifte; yo fulla tante jiru anini gammada qaba, atini haga jiru jireenna na machesita.
Diirama ch'ufa jaalala tante ta ind'umanne na qaabsisi wonti akanatiifi abdiini tiyya siuma. Anini si kad'ad'a kara anini deemu na garsiisi.
Yesoni waan jed'eeni, Karaani ana, d'ugaafi jireennileeni ana; nami tokoleeni gara Abba ind'aqu, anaani d'aqu male.
Nami herega ufi ch'alla gula deemu daalle, ammo ka nama qaro gula deemu waan hamtu jalaa baha.
Balbala d'ipofi karaani jabaani jireennati nama geesa, nami argatuleeni diqa.
Waan isani Kristo Yeso Aabbo keesani tolfattaniifi, isa keesa taa.
Atini garaa kiyya imbeeta; halkaniini nati d'ufte na ilaalte, d'araa hamtu tokole na keesaa d'abde.
Ayyaana isaati ka wollaala womatu inqamne, ka Seera AABBO Waaqa gula deemu.
AABBO Waaqi kara ch'ubbicha injibba, ammo nama d'uga gula deemu injaalata.
Ee AABBO Waaqa, fed'i tante na barsiisi, kara qajeela gula na qajeelchi, wonti akanatiifi nyaapi kiyya heddu.