16 Ato anini ind'alatini na garte. Guyyaani naa heregani ch'ufti qara kitaaba kanke keesati t'aafani, ato guyyaani sunini tokoleeni ingahiinu.
Atini gaargala kiyya imbeeta; imimaani kiyya qeesite, waan suni kitaaba kanke keesati t'aafte?
Jennaani biyyiti AABBO Waaqa d'eetu woliini haasoofte, AABBO Waaqi waan worri jed'e ch'aqase dubbi worraa d'agaye. Isa durati kitaaba toko t'aafani, ka waan worra AABBO Waaqa d'eete isaa saalfatule, keesati t'aafani.
Ammalle anini nama due, diqaafi guddale, ka barch'uma guddinna dura tatau arge. Kitaaba heddu banani ammalle toko d'ibile banani, kitaaba worra jiru. Worra qara due waan worri tolche gula qorani, akuma kitaaba keesati t'aafani.