14 Waan si sodaatanifi anini si faarsa; wonti atini taatu ch'ufti waan mama ka nami waan isii imbeenne; waan kana ch'ufa anini aka dansaa beekha.
Wonti AABBO Waaqi tolchu ch'ufti waan mamaati! Nami waan suni maache ch'ufti guddo waan isii hubachuu fed'a.
Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute.
Inni waan jabdu mama ka nami dandae inhubanne, tolcha.
Ee AABBO Waaqa keenna atini waan dansa heddu nuu tolchite; nami aka keeti tokoleeni injiru. Atini waan mama heddu nu tolchite, ka anini dandae amma toko tokooni maqa ind'oomne!
Sirba Musa hojattu Waaqatiifi sirba Ilme Hoola sirbu jirani: Aabbo, Waaqa Gudda, wonti atini tolchitu ch'ufti waan mamaati! Karaani kanke ka d'ugaati ammalle qajeela!
Waan kana daalleeni imbeetu, gowaani inhubatu: