3 AABBO Waaqa ka nama ch'ufa ira jiru, galata deebisa; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.
Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.
Yo hojjaani geete, Waaqi eeba, ka inni ch'allaani nama fidu, Hayyuuni Hayyoota ch'ufa, Abbaani Abbooti ch'ufati isa mullisa.
Woya isatiifi miila isaa gubbati maqa isaa t'aafani, Hayyu hayyoota, Aabbo abbooti ch'ufa jed'ani.
AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.