Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 136:11 - KITAABA WAAQA

11 Inni gumi Israeli lafa Misiri keesaa baase; jaalalti isaa haga jirtu ind'umatu.

Gade chapit la Kopi




Faaru 136:11
11 Referans Kwoze  

Guyyuma suni AABBO Waaqi gumi Israeli lafa Misiri keesaa baase.


Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina.


Jennaani inni worra Israeli lafa suni keesaa baase dura deeme; worri ka qarsifi worqi baatu, ka fayyaafi jabeenna qabu, lafa suni keesaa bahe.


Jennaani inni gumi ufi aka tissitu dura deeme, lafa aloo ta gamoojiti geese.


Faraoni worra Israeli gadi lakimnaani Waaqi, ato karaani lafa Filisti gabaaba taatele, achi worra inqajeelchine; wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Worri kuni yo nyaapi lafa Misiriti d'aqabe, hegeri garagale booju worra kad'ate Misiriti dachaa.


Ganni d'ibba afuritiifi sodoma hobaanaani gumiini AABBO Waaqa ch'ufti lafa Misiri keesaa godaante.


Kunini halkani Waaqi worra eege lafa Misiri keesa baase; tanaafi halkani suni worra Israelitiifi d'alooti worraleeni AABBO Waaqa qaabate eegaa bule.


Amma wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka harkaafi adda teesani iraa mullatu, ammalle ha qaabacha jiddu teesani jirtu taatu, aka dubbini AABBO Waaqa garaa keesani keesaa imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa isani baase.


Eegi tana, yo ilmaani teesani, Wonti kunini maani? jette isani gaafate, waan jettaniini, AABBO Waaqi irre isaa guddooni lafa Misiri ta nu tisse keesati taane harka ufitiini keesaa nu baase jed'aani.


Wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka beesisa harkaafi adda teesani iraa mullatu; wonti akanatiifi AABBO Waaqi lafa Misiri keesaa harka isaa jabaani nu baase.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite