Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 133:3 - KITAABA WAAQA

3 Ammalle fit'eesa gaara Hermoni, ka kubile Sioni jiisu, fakaata. Arti irati AABBO Waaqi eeba jireenna ind'umanne namaa kenna.

Gade chapit la Kopi




Faaru 133:3
22 Referans Kwoze  

AABBO Waaqi keesani huji teesani eebise kod'o teesani mid'aaniini guuta. Lafa inni isanii kennule keesati isani eebisa.


AABBO Waaqi ha jaalala isaa ta ind'umanne guyya na garsiisu, aka anini halkaniini faaru Waaqa na jireesuuni kad'ad'u d'aad'u.


AABBO Waaqi ganna jaeeso guddo lafa eebise, lafti sagale ganna lama ganna suni baafti.


Lafti tunini haga dira Aroeri, ka afaani galaana Arnoni iraa baate, mirga, gaara Sirioni ka maqaani d'ibiini Amoriti ejite.


D'ugaleeni tana: Waaqi ya jireenna hegeri nuu kenne, jireenni kunini Ilma isaa keesa jira.


Tanaafi akuma dabi maro duisatiifi nama mohate, akasuma eebiti Waaqaleeni maro d'ugatiifi nama mohatte maro Yeso Kristo Aabbo keennatiifi jireenna nuu kenniti.


Worri Israeli ka hafe fit'eesa AABBO Waaqi gosa hedduti ergu yokhaani ebele mid'aaniti roobdu fakaata. Ammalle worri suni Waaqa male nama inheregatu.


Atini kara jireenna na garsiifte; yo fulla tante jiru anini gammada qaba, atini haga jiru jireenna na machesita.


Wonti akanatiifi gatiini daba duisa; ammo toli Waaqa jireenna hegeriiti, maro Kristo Yeso Aabbo keennatiifi.


Simoni Petroni waan jed'eeni, Aabbo, eennuti yaana? Atini dubbi jireenna hegeri qabda.


awaala keesaa yau, nama waan dansa tolche kaasani jireenna kennaniifi, ka waan hamtu tolche kaasaniti wollaala iti murani.


Ammalle lafti tunini ch'ufti lafa Gileaditifi, arda Geshuritifi lafa Maakatifi gaara Hermoni ch'ufafi lafa Bashanile ch'ufa, haga Seleka lafa worraa keesa jirti.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Tunini waan Kristoni nuu kakhate, aka jireenna hegeri nuu kennu.


Dallansuuni hayyuu itansu nyeench'a fakaati, ammo naasuuni isaa akuma bokaya roobuti.


Inni jireenna si kad'annaani, jireenna haguma jiru ind'umanne kenniteefi.


D'uguma waan anini isaniini jed'u, Nami dubbi tiyya d'agaye ka na erge d'ugefate, jireenna hegeri qaba. Isa wollaala iti imurani, ammo ya duisa keesa bahe jireenna argate.


ammo nami bisaani anini kennu d'ugu haga jiru jireennale deebie ind'eebotu. Wonti akanatiifi bisaani anini kennu suni isa keesa maddani burqa tahani, haga jiru jireennale deebie ind'eebotu.


Maro qarqaarsa keetitifi guddinni isaa yayu guddate; atini yayu gurrafi ulfinna gudda kenniteefi.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite