Ammo Sanbalatini ka dira Beth-Horonitifi Tobiani ka lafa Amoni keesati guddinna qabu nama waan dansa worra Israeliiti tolchu d'ufe d'ageennaani aka hama dalanani.
Guyyaani toko ka Mana kanke keesa olaani, guyya kuma toko ka fulla d'ibi olaani ira jira; fulla anini mana worra ch'ubbuti galu ira, hojja anini balbala Mana Waaqa kiyya keesa eju ira naa jirti.
Mordekaiini ka gosa Yahudi, guddinnaani hayyu Ahasueroti aana. Inni Yahudi keesa gurra guddo qaba, ammalle gochiti isaa ch'ufti guddo isa feeti. Inni nagayafi bultuma gosa isaatiifi ilmaani worraa ta takaa tanale barbaade.