Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 12:3 - KITAABA WAAQA

3-4 Araba nama sobu kana AABBO Waaqi ha ch'allisisu afaani kiyyiba dubbata ka tae dubbi teennaani waan feenu arganne, waan feenu dubbanna, nami dandae nu ind'owu jed'a ha ch'ufuti,

Gade chapit la Kopi




Faaru 12:3
26 Referans Kwoze  

Dubbini atini jettu si ijeefti yokhaani si jireesiti, tanaafi waan dubbi tante ira siti gad'ufa, hamtufi toltule, ch'ufa fud'ad'i.


Bineensa kana jabeenna kennani aka abaarsa hama dubbatu, ammalle jabeenna jia afurtami lama kennaniifi.


Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.


worri naasu inqabu, dubbi keesa guddo ufi saada.


Worri kunini hojja ch'ufa gungumeti woli himata, fed'i garaa hamtu gula yaa. Worri waan fed'u argatu ufi guddise nama soba.


Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.


AABBO Waaqi waan jed'u, Isani hameenna kiyya guddo dubbattani. Ammo duuba waan jettani, Nu akami hameenna kanke dubbanne?


Inni Waaqa gudda miid'e, gumi Waaqale dabsa. Ammalle inni seerafi aada worrale ch'ufa garagalchu fed'a, gumiini Waaqaleeni ganna sadiifi jia jaa isa jalati bulti.


Wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Anini nyaapa kanketi, ee hayyu Misiri, atini nyaacha gudda bisaani keesati galu. Atini galaani nile kiyya, nati mid'aase jetta.


Yo worri si ijeesu d'ufu, atini hojja sunile Waaquma ufiini jetta? Atini Waaqaniti, namuma, yo si ijeesu d'ufani inuma doota.


Namicha, waan atini hayyu Tirotini jettu, Atini ufi guddifte, kiyyibde keesa dabarte, waaqa ufiini jette. Ammalle atini, Anini waaqa ka barch'uma guddinna ira jiddu baariini tau jetta. Ato waaqa ufi tolchitele atini waaqaniti, namuma.


Kiyyiba ufi tolchitani lalaba yaatani kana lakisa, dubbi ufi saadu yalabaha. Wonti akanatiifi AABBOONI Waaqa inni wo beekha, waan nami tolchu ch'ufa inqora.


Nyaapi waan jed'e, Anini worra reebe qaqaba; anini hori worraa ch'ufa gargari qoode haga fed'u fud'ad'a; anini sheefti tiyya qalqala keesaa baase worra balleesa.


Anini harka kiyya d'eerefad'e, lafa waan harkaani boch'ani kad'atu, ta wonti kad'atani sunini ta Yerusalemutifi ta Samariale ira heddu, gaargalchuu fed'e.


Anini dubbi namaa kuru imbeekhu, yo anini akasi tae Waaqi yoosu na balleesa.


Gaargala kanke AABBO Waaqati kennad'i, nami si jabeesu isuma; inni aka nama d'uga dabsatani ee injed'u.


AABBO Waaqa, anini imbeekha, aka atini hiyyeesafi, nama woma inqamnelee dubbatu.


Nami d'artichi afaani namati mid'aage, ammo garaa ufi keesa waan hamtu namati herega.


Isani gaadisa koraa d'at'ani, dubbi d'araatiini nama himatani. Isani d'ara gula yaatani kara sunini d'uga barbaadani. Hameenna hereddani waan hamtu nama tolchitani.


Arabi worra aka t'iya nama ijeeftu jira; hojja ch'ufa d'ara dubbata. Nami ch'ufti dubbi dansa nagaya woliini dubbata, ammo garaa ufi keesa t'urura woli kayu malata.


Oboleyaani tante ta woliini d'alatanileeni yayu siti malatte, faani tante yaate si balleesu feeti. Ato worri afaani dansa siti dubbatele ind'ugeefatini.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite