Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 119:2 - KITAABA WAAQA

2 Ayyaana isa ka dubbi Waaqaa guute, garaa ufii ch'ufaani isa gula deemu.

Gade chapit la Kopi




Faaru 119:2
24 Referans Kwoze  

Isani na barbaadani, waan garaa tokooni na barbaadaniifi na agartani.


Qalbi tiyya ch'ufaani anini si barbaada; seera kanke iraa goru na d'owi.


Achiti isani AABBO Waaqa keesani barbaaddani duuba yo isani garaa tokooni barbaaddani, inuma gartani.


Yesoni waan jed'eeni, Yo nami na jaalate dubbi tiyya guuta, Abbaani kiyyaleeni isa jaalata, ammalle nu isati d'umne fulla isaa teenna.


Inni nama wold'aqisa isaa jabeese seera isaa guutu ch'ufa, d'ugaafi jaalala ind'umanneeni jabeesa.


Anini lubbu tiyya isani keesa kaye, seera kiyyafi aada anini isanii kenne ch'ufa isani guuchisiisa.


Ilma kiyya, na ch'aqasi, faana tiyya iraa ingorini.


Aadaafi seerafi dubbi inni isani barsiisele jabeesa guuta.


Wonti hujiini isaa ch'ufti tolteefi waan inni garaa tokooni Waaqa isati hojate huji Mana Waaqatifi huji Seerale jabeese guuteefi.


waan AABBO Waaqi tolchi sinjed'e tolchi kara isaa gula deemi, aadaafi seera isa, ta Seera Musa keesati t'aafani guuti, aka waan tolchitufi fulla atini deemtu ch'ufa keesa, eeba argattu.


Yo heregi keenna wollaala nuti mure nu aka Waaqi herega keenna ira gudda ka ammalle waan ch'ufa beekhu imbeenna.


aka gumiini isaa aadaafi seera isaa jabeesite guutu. AABBO Waaqa faarsa!


AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani aka jaba jaalad'a.


Arabaafi tufii worraa dura na baasi, maro anini aada tante guuteefi.


Anini siti boha, na baasi, aka anini seera kanke guutu.


Amma qalbiifi garaa keesanini AABBO Waaqa keesani hojad'a. Kaa, Mana AABBO Waaqa jaara, aka Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqatifi miha woyyuma keesa olkeetani.


Anini hojattu teeti, na nahi aka anini dubbi tante gula deeme, akasiini jiraad'u.


Ee AABBO Waaqa, dubbi seera keeti na barsiisi, duuba anini hojja ch'ufa inguuta.


Waan seera keeti na hubachiisi, duuba anini gula deeme, garaa kiyya ch'ufaani jabeesa.


Ee AABBO Waaqa, anini si male woma infed'u; anini inkakhad'a aka dubbi tante guutu.


Nami kiyyibaani ya d'ara dubbate gurra na balleese ammo anini garaa kiyya ch'ufaani seera kanke guuta.


Maro jaalala tante ta ind'umanneetiifi lubbu na baasi, aka anini seera kanke guutu.


Anini waan hamtu ch'ufa ya ira ufi d'owe, aka akasiini dubbi tante guutu.


Isani worri ch'ubbuu, na biraa fagaad'a; anini seera Waaqa kiyya guuta.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite