168 Anini seerafi aada tante ch'ufa guuta; atinileeni waan anini tahu ch'ufa inargata.
Waan atini tolchitu ch'ufa AABBO Waaqi inarga, fulla atini deemtu ch'ufa inni inilaala.
Yo anini woi hojad'ufi yo anini ufumaa taule ch'ufa atini inuma agarta; waan anini tahu ch'ufa atini imbeeta.
Nami tokoleeni dandae fulla tokoleti na duraa ind'okhatu. Isani aka anini fulla ch'ufa lafafi gubbale jiru imbeetani?
Inni ejata nama ch'ufa jabeese eega.
Anini ijoolle isile d'ae fit'a, duuba gumiini ch'ufti aka anini heregafi garaa nama ch'ufa ilaalu baratti. Ammalle anini isanii ch'ufa, huji teesani gula, woi isani kenna.
Galaana ch'ufa, harka d'aa, kubile, gammada, AABBO Waaqa durati woliini sirba.
Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.