Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 112:9 - KITAABA WAAQA

9 Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.

Gade chapit la Kopi




Faaru 112:9
39 Referans Kwoze  

Inni irre ch'ubbicha ch'absa, ammo irre nama d'ugaa iti daraafi.


Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.


Waaqi ka d'ugaati. Inni huji isani maro isa jaalattaniifi tolchitani inded'u, hojja isani gumi Waaqa duri qarqaartani arrale qarqaartani.


Waan dansa tolcha jed'iini, Huji dansaani durooma jed'iini, Arja taha, waan qabdani namaa qooda jed'iini.


Waan qabdaniini oboleyaani gaargala qabdu qarqaara. Worra keesaniti keessuma bulcha.


Nami hamaani ha waan hamtu tolchuuti, t'urichi ha waan t'uri tolchuuti; nami dansaani ha waan dansa tolchuuti, qulqullooni ha waan qulqullo tolchuuti.


Anini ya waan ch'ufa isani agarsiise, aka nu akasi hojanne nama lalaafa qarqaaru malle. Ammalle dubbi Aabbo Yesoni jed'e qaabad'a, ta inni, Wonti kennani waan fud'atani ira eeba qabdi jed'e.


ammalle nama beela qabu quubsitani, nama gaargala qabu, gaargala keesaa baaftani, dukanti isani marsitu tunini garagagalte ifsa guyyaa taati.


Sagale teesani nama beela qabuu kenna, hiyyeesa mana inqamne mana keesani bana. Nama qulla yau woya kenna, fiit'a teesani qarqaaru indidina.


Galgalaafi diiramale mid'aani fach'aasi, wonti akanatiifi atini ka ira baha imbeetu, yokhaani aka lachu akuma takaa bahani imbeetu.


Atini yayu jabeenna aka gafarsa naa kennite, na eebifte na gammachiifte.


Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.


Nami gari waan Yudani subba hori harkaa qabatuufi waan Yesoni, Waan nu jilaa feenu nu biti, yokhaani, Hiyyeeyii hori kenni jed'eeni sehe.


Duuba anini waan isaniini jed'u, Hori lafa tanatiini jaala tolfad'a, aka hojja horiini d'umate mana hegeriti isani yaamani.


Waan qabdani gurgura, eebaani wo namaa kenna. Subba indulomane mid'aafad'a, hori gubba jiru ka inhobaamne olkeyad'a, fulla hattuuni iti ind'iaanne yokhaani fulla bilaachi imballeesine.


Hiyyeeyiini guyya ch'ufa isani woliini jirti, ammo anini guyya ch'ufa isani woliini injiru.


Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.


Worri isaa woi horate dureesa tahe, innileeni haga jiru ch'ufa wohorate deebana.


Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.


Jennaani Hanani Waaqa kad'ate waan jette: AABBO Waaqi yayu gammachuuni garaa kiyya guute; maro inni waan kana naa tolchefi amma garaani yayu na jabaate! Anini amma nyaapa kiyya kobla; anini akami gammachu qaba maro Waaqi na qarqaarefi!


galgala ch'ufa akasuma tolcha, aka inni woya sunini rafu duuba inni sii eebise, AABBO Waaqileeni sii eebisa.


Deega haguma jirani lafa teesani keesa ind'abani; tanaafi anini amma qarqaara wo kennaafi isaniini jed'a.


harka ergattuti kenna; duuba hori kaani nama ch'ufaa gargari qoodani.


Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti.


Ammo waan mudunufi qori keesa jira hiyyeeyii qooda, duuba wonti ch'ufti qulqullo isanii taati.


aka qarqaarsi kanke waan d'ossa tahu, duuba Abbaani kanke ka waan atini d'ossaani tolchitu argu galata si baasa.


Ammo nami d'uga waan d'uga tolche waan qajeeluma gula deema.


waan AABBO Waaqi eebani isanii kenne keesa, ree taanaani, mid'aani taanaani, daad'i taanaani guddisa kennaafi.


Anini yayu nyaapa kiyya ka dabsatani arge, iyyanna worra ch'ubbule d'agaye.


Wonti inni tolchu ch'ufti jabeennaafi guddinna isaa garsiifti; d'ugaani isaaleeni haga jiru jireenna teeti.


Nami qarooni hojate horiti baha, ammo daalleeni daalluma ufitini hafa.


Inni guyya kana ch'ufa woma d'ara ufi ch'alla tae herega, ammo nami d'ugaa woma nama ind'owatu, garaa tokooni wo namaa kenna.


guyya barbaadanifi guyya balleesani; guyya olkayanifi guyya gagatani;


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite