Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Faaru 110:3 - KITAABA WAAQA

3 Guyya atini nyaapa kanke haatu, nami kanke ufi gabaasa. Akuma fit'eesa ganamaa, kaima kanke gaareeni kanke qulqullo irati siti d'ufa.

Gade chapit la Kopi




Faaru 110:3
28 Referans Kwoze  

AABBO Waaqa faarsa! Worri Israeli garaa jabaate had'e; biyyiti garaa tokooni ufi gabaafte.


Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Waaqi, Algalooma keesa taa nuuni injenne, ammo Qulqullooma keesa taa jed'e.


Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi


Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate.


Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.


Nu guddo galata Waaqaa deebimna ka Tito aka nu isani qarqaarre isani qarqaarsiise!


Yo isani guddo wo kennu feetani, Waaqi waan isani qabdani ka isani baaftani fud'ata, waan isani inqamne imbarbaadu.


Worri waan kana d'ageennaani Aabbo guddise waan isaani jed'ani, Oboleesa, atini ya argite, aka Yahudiini kunki heddu ta d'ugefatte jirtu, ammalle ch'ufti guddo Seera jabeesiti.


Hojja Waaqi qulqullooni d'ufu, isa durati ga jed'a; lafti ch'ufti ha isa durati hollatuuti!


Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.


Nami hedduuni dubbi isaa d'ugefate batifame, nami haga kunki sadi gumiti darame.


Ya harka mirgicha Waaqati olfuud'ani, inni Lubbu Qulqullo isa ira argate, akuma Abbaani kakhate; wonti isani amma argitani d'ageettani kunini qarqaarsa inni nuu kenne.


Ammo eegi Lubbuuni Qulqullooni isani ira buute jabeenna argattani, Yerusalemufi Yudeafi Samaria keesafi haga muumme lafale ch'ufa na d'ugeesitani.


Guddinni waan maqa AABBO Waaqati male jed'a; waan baasu maltani baasafi, mana isaa keesa isa duraani koota. Hojja inni qulqullooma isatini d'ufu AABBO Waaqa durati gajed'a;


Akanaani dubbini Aabbo jabaatte guddatte fulla ch'ufaa geete.


Taatule nami dubbi suni d'agaye hedduuni d'ugefate; nami d'iira ka d'ugefate haga kunki shani.


Biyyiti nama ufi baase Yerusalemuti godaane ch'ufa eebifte.


Seeri Mana Waaqa kana: Mana suni, ka fiit'e gaara jiru, qayeeni isaa, haguma geetuuni, qulqullo.


Garaani kiyya worra gugurda askarti Israeli bira jira, worra garaa tokooni ufi gabaase. AABBO Waaqa faarsa!


Maqa AABBO Waaqa guddaa faarsa, Waaqa qulqullo durati gajed'a guddisa.


Irre woraanatiini worri worra Ashuru suni dabsate, worri suni gaafa worri kaani d'ufe lafa teenna had'u duraa nu baasa.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite