Jennaani anini waan worraani jed'e, Gaargala nu amma keesa jiru kana laala, ka Yerusalemu balleesani, balbala isiile gubani! Koota, naabo dira kana jaare ch'eera keenna d'ofanna.
Ezrani waan jed'e, AABBO, Waaqa ababoota teenna, ha faarsani inni yayu hayyicha waan dansa qaabachise, aka inni akanaani Mana Waaqa ka Yerusalemu mid'aasu.
Jennaani jari balbala gosa Yudatifi ta Benjamini mata qaaloleefi worra Lawitifi nama ch'ufa ka Waaqi herega isaa qajeelcha woliini kaani, Mana Waaqa ka Yerusalemu jiru mid'aasani jaaru d'aqani.