na duraa ind'okhatiini siini jed'e! Nati indallaniini, hojattu tante ufi biraa ingussini. Atini ya qarqaarsa naa taate, na illakisiini lafale na imbuusini, ee Waaqa ka na baasu.
Atini maafi nama nami tassa iti d'ufe fakaatte, aka askarti nama qarqaaru indandeenne taate? Ee AABBO Waaqa, atini numa woliini jirta! Nu gumi teeti, nu illakisini!