Guyya shaneeso, jia jaeeso, ka ganna jaeeso ka eegi nu boojiani, ka anaafi jaaroleeni Yuda mana kiyya keesa woliini jiru, anini akanumati aka jabeenni Waaqa na seene ufi arge.
Wonti akanatiifi dubbini fagiisaa tokoleeni taka fed'i nama keesaa imbaane, ammo Lubbu Qulqulloti nama dubbachiise, ato nami dubbi fulla Waaqati d'ufte dubbatu.