Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 6:11 - KITAABA WAAQA

11 Miha lola ka Waaqi isanii kennu ch'ufa guurad'a, aka malte Sheet'ana dabsattani.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 6:11
30 Referans Kwoze  

Mihi nu waan lafa tanatiini haanu ka lafatiiniti, ammo ka jabeenna Waaqaati, ka fulla jabdu ch'ufa balleesu dandau. Nu wolmormiti d'ara ch'ufa balleesine,


Halkani ya ala hobaani, lafti diquma imbariini. Waan dukana lakisu malle. Miha lola ka ifsa naqachu malle.


Ammo nu ka guyyaati, kurfo tau malle. D'ugefachaafi jaalala aka ubaara qomati keyachu malle, d'aabu teenna ta baafamale aka ruufa marachu malle.


Tanaafi ammatana miha lola ka Waaqa olfud'ad'a! Duuba yo guyyaani hamaani d'ufe dandeetani irre nyaapa dabsattani, aka eegi haatanile duddaduuba indeebine.


Kurfo taa, eegad'a! Nyaapi keesani Sheet'ani, aka nyeench'a itanaa deeme nama nyaatu barbaada.


aka Sheet'ani nu indabsanne; wonti akanatiifi nu malte isaa imbeenna.


Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu.


hareesa fud'attaniifi. Finni hareesi kunini waan Waaqi, aka isa uume fakeenna ufi gula haraa tolchu aka akasiini ufi isani beesisu.


Ammo miha lola ka Aabbo Yeso Kristo keyad'a, adaba keesani ka daba, ka d'araa nafa keesani quufsu lakisa.


Anini insodaad'a; hegeri qalbiini teesani hamaatte jaalala Kristo qulqullo lakiftani — akuma bofi Hawai malteeni sobe.


d'aamsa keenna ka d'ugatiifi jabeenna Waaqaatiini. D'ugaani woraana wonte teenna, ta haanunifi ta ufira d'owarrunile.


Ammo isaniini kaani Thiatira keesa, ka barsiisa hamtu tana gula indeemne, yokhaani waan nami gari baddi Sheet'ana jed'uuni imbaratiini, anini baa d'ibi isani ira inkayu.


Jireenna hareesa aka woya fud'ad'a, ka fakeenna Waaqa gula mid'aasani, ammalle ka finna d'uga ka qajeelumafi qulqulloomaani mullatu.


Ammalle inni indandaa, ammafi hegerile, aka worra isa gula Waaqati d'ufu baasu, waan inni haga hegeri Waaqa worraa kad'atuufi.


Gara isaa ka dandae jigu isani d'owe, wollaala male gammadaani guddinna isaati isani geesu.


Wonti worri ind'ugefanneefi waan hamaani lafa tana keesa jiru qalbi worra dukaneeseefi. Inni ifsa worrati ifsu argu worra d'owa, ifsa Odu Dansa ta guddinna Kristo keesa d'ufu, inileeni akuma Waaqa jira.


Ilaalachaani namati d'uftu woma qara lafa jiraati. Ammo Waaqi kakhu ufi jabeesa. Inni ilaalacha isani ira hafu indandeenne isaniti inllakisu. Ammo hojja isani ilaalatani, inni jabeenna isani obsitani keesaa batani isanii kenna.


Kristo d'aratiifi raagi d'ara mullate, akheekhafi mamisa d'ara nama agarsiisa, aka yo dandaani, nama Waaqi fohatele sobani.


Jawe guddo taani gadigatani! Isiini suni bofa duri kaani, ka Sheet'ana yokhaani Jinni jed'aniini, ka lafa ch'ufa sobe. Isaafi malaika isaa ch'ufa lafati gatani.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Tanaafi Waaqa sodaad'a, Sheet'ana dida, yoosi isani bira baqata.


Wonti inni akasi tolcheefi, aka d'alooti Israeli ka qara had'iisa imbeenne had'iisa baratu.


Tanaafi anini goraadeefi woraanafi t'iya biyyaa kenne, worra worraani naabo duuba d'aabe, Fulla inhobaini ch'ufa duuba ejaanja, nama eega, jed'eeni.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite