Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 5:8 - KITAABA WAAQA

8 Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 5:8
43 Referans Kwoze  

Yesoni ammalle dubbate waan worraani jed'e, Anini ifsa lafaati. Nami na gula d'ufu dukana keesa indeemu, ammo ifsa jireennaa argata.


Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.


Anini lafa tanati aka ifsa tahu d'ufe, aka nami na d'ugefatu dukana keesa inteenne.


ka qalbiini ammalle dukana keesa jirtu intahiina. Worri jireenna Waaqi kennu keesa qooda inqabu; wonti akanatiifi worri daalle woma imbeekhu.


Ato ifsa qabdanu, ifsa suni d'ugefad'a, aka ilmaani ifsaa taatani. Yesoni waan kana dubbannaani kae worra duraa d'okhate.


Worri duri dukana keesa yau, amma yayu ifsa gudda arge, worri duri lafa gaandiddooftu keesa taa, ammo amma tana ifsaani ya worrati ifse.


Hojja suni kara lafa ka daba gula yaatani, hayyu jabeenna ka qilleensa ch'aqaftani, ka lubbu amma worra Waaqa inch'aqamne mohatu.


Waaqi, Dukana keesa ifsaani ha ifsu jed'eti ifsa kana garaa keenna keesati ifse, aka ifsa hubacha guddinna Waaqa nuu kennu ka fuula Kristoti ifsu.


AABBO Waaqa keesani guddisa, ato inni dukanaani d'ufe gaareeniti isani ingugufachiimne; ammalle ato inni ifsa isani abdatani dukana sipe intolchine.


Wonti akanatiifi nuleeni duri daalle, dubbi inch'aqamne, ta wollaala tolchitu. Nu tissele d'araa nafatiifi gammada gosa ch'ufaa taane. Jireenna keenna ch'ufa daallumafi d'iibi keesa teenne. Nami hedduuni nu jibbe, nuleeni worra jibbine.


Abbaani hojattu kiyyiba kaani maro qarooma isatiifi guddo saade; wonti akanatiifi nami waan lafa tana gula deemu nama ifsa gula deemu ira mala lafa tanaa beekha.


Ilmaani Yakoboo amma koota, ifsa AABBO Waaqi nuu kenne keesa yaana!


Wonti akanatiifi nu namaani woli had'uuti injirru, ammo qilleensa hama lafafi gubbatiini wolhad'u jirra, jabeennaafi irre gubba ta bara dukana kanale.


Nuuni ch'ufti guddinna Aabbo fuula hagogo inqamneeni akuma dawiti mullimna; kara kanaani gara nu galchani, aka isa fakaannu guddinna muumme inqamneeni; Aabbooni ka akana tolchu Lubbu.


Aka nami dukana keesa tataufi ka gaadisa duisa keesa tatuleti ifsu, aka faana teenna kara nagayaati qajeelchu.


Nama ind'ugefatiinini haga taka inhojatiina, wonti suni intaatu. D'ugaafi wollaali wahela woli tahu indandaa? Ifsaafi dukantileeni woliini taati? Hiyyo.


Ammo Waaqi ya Kristo Yesoni takaa isani tolche, ammalle ya Kristo qarooma keenna tolche; maro isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne, ya gumi Waaqaa taane, ya balcha taane.


atini aka nama ballaani deemte, nama dukana keesa jiru ifse taatu, ufi beeta.


Ifsaani d'uga, ka nama ch'ufaa ifsu, lafati d'ufu jira.


Nami dukana keesa tau yayu ifsa gudda arge worra ardaafi gandidu duisa keesa tatau ifsaani yayu iti mullate jettu.


Ammalle anini waan jara hid'aansa keesa jiruni jed'u, Ga baha! Worra dukana keesa jiruleeni waan jed'u, Ifsaati ga baha! Worri akuma hooliye gaareeni gubba oole, adaala kubii ch'ufa ira d'eeda.


Lubbuuni ya jireenna nuu kennite; jireenna keennale qajeelchu malte.


Worri Waaqa imbeekha, ammo ulfinna isaa male kennuufi didani, yokhaani galatale isa indeebisani. Ammo heregi worra ya daallae, mataani worra ka qalbi inqamne ya dukanae.


AABBO Waaqi waan nani jed'e, Anini huji jabdu sii kennu qaba, hojatu tiyya. Atini worra Yakobo galchite, worra Israeli ka hafe guddinnati deebifte; ammo hagasi ch'allaniti, anini ifsa gosa ch'ufale si tolcha, aka akasiini lafti ch'ufti baafama kiyya argattu.


Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.


Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.


Haga nami isa imbeenne kana ch'ufa Waaqi ya bira namaa dabre, ammo ammatana aka nami ch'ufti daba iraa deebiu fed'a.


Wold'aqisa atini nu woliini tolfate qaabad'i. Moga lafa dukanooftu ch'ufa keesati nami wolijeesa.


Isani keesaa nami AABBO Waaqa sodaate dubbi hojatu isaa saalfatu, ka ifsa male dukanaani deemu, ka maqa AABBO Waaqa abdate, Waaqa ufi d'aabbatu eenu?


Mid'aani daba iraa deebianiini baasa.


Yesoni waan jed'eeni, Ifsaani haga diqa toko ch'alla isani woliini jira; ato ifsa qabdanu yaa, aka dukanti isani ind'aqamne. Nami dukana keesa deemu gara deemu imbeekhu.


Halkani ya ala hobaani, lafti diquma imbariini. Waan dukana lakisu malle. Miha lola ka ifsa naqachu malle.


Ammalle aka Abbaa galata deebiftani qilit'amtani, ka isani qit'eese qooda waan inni gumi isati khakhate isani kennu, finna ifsa isaa keesati.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite