Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 5:6 - KITAABA WAAQA

6 Nami tokoleeni dubbi kiyyiba ta d'aratiini isani insobini: maro waan kanatifi dalansuuni Waaqa worra isaa inch'aqamneti d'ufti.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 5:6
28 Referans Kwoze  

Dalansuuni Waaqa ya mullatte gubbaa gadi buute, daba worra hamama ch'ufa ira buute. Worri hameenna ufitiini d'uga mullachu d'owa.


Yesoni waan jed'e, Eegad'a, nami tokoleeni isani insobini.


Eegad'a, aka nami tokoleeni qalbi nama ta woma imbaaneeni isani insomne. Qalbiini suni waan nami wolbarsiisufi waan herega lafaa iraa d'ufti, Kristo ira ind'uftu.


Jaalaani tiyya, nama, Anini Lubbu Waaqa qabu jed'u ch'ufa ind'ugefatiina, ammo gargari hubad'a aka lubbuuni suni gara Waaqati d'ufte. Wonti akanatiifi raagi d'ara hedduuni ya lafa d'ufe.


Maro waan kanatifi dalansuuni Waaqa worra isa inch'aqamneti d'ufti.


Yesoni waan worraani jed'e, Eegad'a, aka nami tokoleeni isani insoomne.


Wonti akanatiifi Kristo d'aratiifi raagi d'ara ind'ufa, akheekhafi waan mama heddu tolchani, aka worra Waaqi fohate sobani, yo sila dandaani.


T'aafiini d'ibileeni waan jettu: D'akhaani nama gufachiisu kana, d'akha nama buusu. Worri waan dubbi ind'ugefatiiniifi gufata; wonti Waaqi worraa herege tana.


Nami tokoleeni kara tokoleeni isani insobini. Guyyaani ind'ufu, haga Loli guddaani tahe Nami Hamaani ka fulla ibidati male mullatuuti.


Tanaafi anini amma isaniti hima: nami tokoleeni hasaa d'aratiini isani insobini, ato akuma fed'u dansa fakaatele.


Kristo d'aratiifi raagi d'ara mullate, akheekhafi mamisa d'ara nama agarsiisa, aka yo dandaani, nama Waaqi fohatele sobani.


Nami tokoleeni waan daayya arguufi waan isani ira jiru ufi sehe waan keesani isani inhanqisiini, yokhaani kara d'aratiini, Ufi diqeesa, malaika kad'ad'a isaniini injed'iini. Nami akana kunini kiyyiba, waan qalbi qabu ufi sehe ammo waan ufi saaduufi inqabu;


Waaqi worrati dallane, nama worra Israeli, ka kaima jajaba ch'ufa fit'e.


Tanaafi, aka worri waan d'ugefachu dideefi boqota suni argachu dad'abe argina.


Raagi d'ufe worra isa nyaachisuuni, Lafti nagaya jed'e soba, ammo ka isa woma afaani imbuumne, Lafti nagaya inqabdu jed'e naasisa. Raaga akana kanaani AABBO Waaqi waan jed'u,


Qonqo tana gara worra boojiani Babiloni geesaniti ergi waan jettuuni: Wonti Shemaya ka AABBO Waaqi jed'u tana: Anini, AABBO Waaqi, Shemayaafi d'aloota isaa ch'ufa ingaargalcha. Anini isa inergine, ammo inni raaga ufi tolche, isanii fage, dubbi d'ara isani d'ugefachise. Inni gosa teesani keesaa bada, ilmaani inhoratu, yokhaani waan dansa ka anini gumi tiyya tolchu inargu; wonti akanatiifi inni worraani, Waaqa dida jed'e barsiise. Nami dubbi suni jed'e ana, AABBO Waaqa.


Atini waan dubbi tanteetiini oguma woraana dabsatu seeta? Amma eentu si qarqaara, mala keeti ka atini hayyu Ashuru didde iti gargalte?


Tanaafi raagoota teesanifi nama wo himuufi nama oobju qabuufi nama ekhera wo gaafatufi falfatu, hayyu Babiloni jalati imbulina isaniini jettule inch'aqasina.


Wonti AABBO Waaqi jed'e tana: Worri Babiloni ya nu biraa yae jettani ufi insobina worri inuma dachaa.


Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite