Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 5:26 - KITAABA WAAQA

26 Inni aka gumi ufi qulqulleesu waan kana tolche, dubbi ufitiini, eegi bisaaniini d'iqe,

Gade chapit la Kopi




Efessoon 5:26
35 Referans Kwoze  

Isani qara la qulqullooftani, maro dubbi anini isaniti hime suniifi.


Koota yoosi, Waaqati d'iaanna, garaa d'ugatiifi ka d'ugefachatiini, garaa herega hameenna ira qulqulleesaniifi nafa bisaani qullooni d'iqaniini.


Yesoni waan jed'eeni, D'uguma, waan anini siini jed'u, Yo nami bisaanifi Lubbuuni d'alate male, dandae Finna Waaqa inargatu.


Anini bisaani qullo isaniti fifit'e, akasiini waaqoota d'ara ka isani kad'atanifi waan hamtu isani ufiini t'ureesitani ch'ufa isani iraa qulqulleesa.


Isaniini garileeni duri akasi. Ammo amma ya isani d'iqani, ya isani qulqulleesani, ya maqa Aabbo Yeso Kristotiifi Lubbu Waaqa keennatiini Waaqaani wolti araaramtani.


Baafama aka ruufa marad'a, dubbini Waaqaleeni ha sheefti Lubbuuni isanii kennitu taatu.


Yeso Kristoni d'iigafi bisaaniini d'ufe. Inni bisaani ch'allaani ind'umne ammo bisaanifi d'iigaani d'ufe. Aka wonti kunini d'uga Lubbuleeni yayu himte, maro Lubbuuni d'ugatiifi.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Gaafa guyyaani suni gahe, madda ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu dabafi t'uri iraa qulqulleesitu banani.


Maro Yeso Kristoni waan Waaqi, Tolchi jed'eeni ch'ufa tolcheefi, sorioni nafa isaa yayu maro tokotu daba ch'ufa nura d'it'e.


Bisaani kunini waan batiso agarsiisaati, ta amma isani baaftu, t'uri nafa ira ind'iit'u, ammo kakhu qalbi dansaani Waaqati kakhataniini isani baafti. Batisooni maro kaisa Yeso Kristotiifi isani baafti,


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Ammatana maani eedda? Kai, batifami, daba kanke d'iqad'u, maqa isaa yaamad'u naani jed'e.


Maro fed'i Aabbo Waaqatiifi isani fohatani, aka Lubbu isaatiini gumi qulqullo taatani, Yeso Kristo ee jettani guuttani, d'iiga isatiini qulqulloftani. Eebafi nagaya guddisa argad'a.


Maqaani kiyya Yuda, hojattu Yeso Kristotiifi oboleesa Yakobo; gara worra Waaqi yaame, ka jaalala Abba Waaqa keesa taufi ka qorqorti Yeso Kristo jala jiruti tatabe tana t'aafa.


Atini ila worraa bante, dukana ira gara ifsa worra deebifta, ammalle jabeenna Sheet'ana iraa Waaqati worra deebifta; aka d'ugefacha worri na d'ugefateeni daba worraa araaramaniifi, gumi Waaqi fohate keesati fulla argatani.


amma waan atini naa kennite ch'ufa, aka isiini gara keti baatu, ya baratani.


Jennaani anini bisaani fuud'e, d'iiga siraa d'iqe, d'ad'a si ibse.


Fed'i isatiini inni dubbi d'ugatiini nu uume, aka nu uumama isa ch'ufa keesa angafa taanu.


Maro waan kanatifi Abbaani kiyya inguddifama, waan isani mid'aani guddo baaftaniifi; akasiini isani jara kiyya taatani.


Musani Harunifi ilmaani isaa gumi durati gayaame bisaani d'iqachiise.


Guyya suni aada daba nama iraa qulqulleesani ha tolchani aka worri qulqullau.


Yesoni waan jed'eeni, Nami nafa d'iqate waan iti deebie d'iqatuufi inqabu, miila male, inni ya qulqullae. Isani ch'ufti qulqullo, toko male.


Wonti isiini jettu tana, Dubbini Waaqa d'aatu tante jirti, hid'i tante gubbafi garaa kanke keesa jirti, dubbi d'ugefacha ta nu odeesinu.


Anini maro teesaniifi hinaafa akuma Waaqi maro teesani hinaafu; wonti akanatiifi isani intala game ta anini nama toko ch'alla kenne fakaattani; nami sunileeni Kristo.


Dubbini Kristo, ha guddatte, garaa keesani keesa ha teetu. Qalbi ch'ufaani wolbarsiisa, wolgorsa. Waaqaa faarsa, sirba isaa sirba, faaru isaa d'ahad'a, garaa keesaniini Waaqa galata deebisa.


Wonti akanatiifi dubbini Waaqa jireenna qabdi, ammalle jabdu. Sheefti ch'ufa ira qara qabdi. Nafa ch'ufa tarsaafti, haga fulla onneefi lubbuuni wolti ejitufi fulla mitafi d'uuti wolti ejitu. Isiini fed'ifi herega garaa nama ilaalti.


Sorio tokooni inni ya worra daba iraa qulqulleesani haga hegeri qit'e tolche.


Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!


Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.


Nami waan kana inqamne balla, ila inqabu, aka daba isaa ka dabre iraa qulqulleesani imbeekhu.


Qaallichi ha namichafi waan inni baasu kana ch'ufa fulla Waaro Woyyumatiini d'ufuti.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite