Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 5:2 - KITAABA WAAQA

2 Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 5:2
54 Referans Kwoze  

Seera haraa isanii kenna, Woljaalad'a; akuma anini isani jaalad'e, isanileeni akasi woljaalad'a.


nami amma jiru ananiti, Kristoti na keesa jira male. Jireenna anini amma jiru kana maro d'ugefacha Ilma Waaqaatiifi jira, ka na jaalate jireenna ufi naa baase.


Waan kana ch'ufa jaalalati darad'a, ta wold'aqisaani isanii d'uftu.


Wonti akasitiifi nu aka urgaa qayya ka Kristoni Waaqaa aarse duuba worra baafamufi ka baduleti aaru fakaanna.


Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.


Huji teesani ch'ufa jaalalaani tolcha.


akuma Ilmi Nama, aka nami isa hojattufi ind'ufiini, ammo aka namaa hojate, jireenna ufi maro nama heddutiifi baasu d'ufe.


Waan ch'ufa ira woljaalad'a, wonti akanatiifi jaalalti daba heddu d'ossiti.


Isani eeba Aabbo keenna Yeso Kristo imbeetani: inni dureesa, ammo maro teesaniifi ufi hiyyoomse, aka hiyyuma ufitiini isani duroomsu.


Aki nu jaalala beennu kana: Kristoni jireenna ufi nuu baase. Nuleeni duuba jireenna keenna oboleyaani teenna baasu malle.


AABBO Waaqi ch'inch'a fooni gubani suni suufe jennaani waan ufiini jed'e, Anini deebie namaa jed'e lafa inabaaru, ato heregi garaa isaa haguma inni d'alate hamale tahe, yokhaani anini waan lubbu qaba aka qara balleese kana deebie imballeesu.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


yo akasi tolche, maro heddu haga lafa uumani sila gaargala. Ammo ammatana inni ya maro tokotu mullate, ka d'alooti ch'ufti diquma inhobaiini, aka sorio nafa ufitiini daba balleesu.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani.


Ammo jaalalaani d'uga dubbanne kara ch'ufaani Kristo, ka mata keenna, keesa guddachu malle.


Wonti inni fed'u tana: aka nu Ilma isaa Yeso Kristo d'ugefanne, aka Kristoni nuti hime woljaalannu.


Nami tokoleeni maro atini kaimatiifi si intufatiini, ammo akheekha jara d'ugefate tahi, dubbifi adabaafi jaalalafi d'ugefachaafi qulqulloomaani.


Wonti anini, Nama d'ugefatu jaalad'a jed'e t'aafuufi injirtu. Waaqi ya aka isani woli jaalattani isani barsiise.


Ufi olimfuud'ina, laana yaa, waan ch'ufa obsa. Jaalala teesani wolqarqaarsaani agarsiisa.


aka Kristoni, garaa keesani keesati qubatu, maro d'ugefachatiifi. Anini inkad'ad'a, aka hiddafi yayabi keesani jaalala keesa tau,


Aka d'aloota hama kana keesaa nu baasu Kristoni maro daba keennatifi ufi baase, fed'i Waaqa Abba keennati guute.


Inni ha koola lachu fuud'e, nafa isaa gargari tarsaasu, ka koola suni iraa imbuqimne, ammalle ha fooni suni waan aka mesa kaani irati gubuti, aka akasiini ch'inch'aani waan gubani suni AABBO Waaqa gammachiiftu.


Duuba namichi ka miha garaatifi fooni lukha d'iquuti, ammo qaallichi ha fooni kaani ch'ufa fuud'e mesa irati gubuti. Aka akasiini ch'inch'aani waan gubani suni AABBO Waaqa gammachiiftu.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


Tanaafi fakeenna waan gubba jirani sorio tanaani qulqulleesu malani. Ammo wonti gubba jirani sorio hagasi iraa feeti.


Ee, aka jaalala isaa barattani ato nami dandae ch'ufa imbarannele akanaani qit'ooma Waaqaatiini guutamtani.


Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.


AABBO Waaqi waan jed'u, Anini jila teesani ta aadaa jibbe tufad'e dida!


Duuba namichi kaani ha miha garaatifi fooni lukha d'iquuti, ammo qaallichi ha fooni kaani ch'ufa waan aka mesa kaani irati gubuti aka akasiini ch'inch'aani waan gubani suni AABBO Waaqa gammachiiftu.


D'iirsole, akuma Kristoni gumi ufi jaalate nafa ufi kenneefi, isanileeni akasuma nad'eeni teesani jaaladlad'a.


Bukho dullati tana balleesa, aka qulqullo taatani. Yoosi aka qit'a hareesa ka bukho inqamne taatani, akuma isani d'uguma jirtani. Wonti akanatiifi jilti teenna ta Pasaka ya kurfoofte, Kristo hoola keenna ka Pasaka ya qalani.


Maro daba keennatiifi isa ijeesani, ammalle aka d'uga nu hereganiifi isa kaasani.


Anini qit'a jireenna ka gubbaa gadi d'ufe. Yo nami qit'a suni nyaate haga hegeri jiraata. Ee, qit'aani anini maro jireenna lafatiifi kennu sunini fooni kiyya.


Hiyyo, waan kana ch'ufa nu maro nama nu jaalatuufi dabsanna!


Duuba qaallichi ha waan kana ch'ufa waan mesa fakaata kaani irati gube AABBO Waaqaa sorio baasu, aka akasiini ch'inch'aani isii AABBO Waaqa gammachiiftu. Gabbinni ch'ufti ka AABBO Waaqaati.


Duuba elemo suni ch'ufa mesa irati gubi. Wonti sunini ch'ufti waan gubani AABBO Waaqa baasani, ta fooleeni isii isa gammachiiftu.


Duuba worra iraa fuud'i, waan mesa fakaata kaani irati gubi, waan qara gubani Waaqaa baasani kaani woliini. Isiini foole urgooftu ta gubani AABBO Waaqaa baasani.


hojattu Kristo Yeso aka gosa d'ibi keesa hojad'u na tolcheefi garaa jabaad'e. Anini Odu Dansa ta Waaqa biraa d'ufte aka qaallu odeesa, aka gochiti d'ibiini sorio Waaqi fed'u taatu, ta Lubbuuni Qulqullooni kurfeesiteefi.


Ammo galati Waaqa imbadiini! Yo nu Kristo keesa jirru, Waaqi hojja ch'ufa aka nama Kristoni boojie dabsachaani galchu nu yaasa. Aka urgaa qayyaa ka fulla ch'ufaa yaatu, Waaqi nama ch'ufati Kristo nuuni mullisa.


Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi


Tanaafi deema teesani keesa aka dansa ufi qorqorad'a. Aka nama woma imbeenne intahiina, aka nama qaro taha.


Tatabeeni aka isani waan kana ch'ufa naa kennitani agarsiiftu tana isiini waan guddo! Anini waan fed'u ch'ufa ya argad'e, maro Epafroditoni waan isani ergitani ch'ufa naa d'ufeeniifi. Wonti kunini aka sorio urgooftu ta Waaqaa baasani jirti, ta inni fud'ate gammaduuni.


Qaallu gudda ch'ufa aka inni galatafi sorio Waaqaa baasu fohatani, tanaafi qaallichi keenna guddaleeni wo baasu male.


Wonti akanatiifi waan sorio irati AABBO Waaqa keesani baaftani d'akha boch'aniini mid'aasu himmalle. Achiti sorio gubani baasa,


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite