Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 5:17 - KITAABA WAAQA

17 Indaallaina, fed'i Aabbo Waaqaa hubad'a.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 5:17
17 Referans Kwoze  

Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.


waan ch'ufa keesati galata deebisa. Wonti Waaqi isani ira fed'u tana, jireenna keesani ka Kristo keesa jiru.


Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.


Tanaafi deema teesani keesa aka dansa ufi qorqorad'a. Aka nama woma imbeenne intahiina, aka nama qaro taha.


AABBO Waaqi waan jed'u, Gumiini tiyya raatu, nale imbeetu, worri ijoolle woma imbeenne, ta woma inhubanne, fakaata. Worri aka waan hamtu tolchu guddo iti qaro, ammo aka waan dansaa tolchu guddo iti daalle.


Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.


Qalbefad'a, worra d'ugefacha inqamne dura adabaani yaa, qoomni argattani ch'ufa imballeesina, woiini tolcha.


Yo nami fed'i Waaqa tolchu fed'e, aka wonti ani barsiisu gara Waaqati baate yokhaani anumaani dubbad'u gargari imbeekha.


Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.


Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.


Nami woi beekhu waan tahu beekha, tanaafi qarooma qaba, daalle daallumuma isaati isa soba.


Duuba yo akasi barbaadde, atini aka AABBO Waaqa sodaatani hubate waan Waaqa ch'ufa barata.


Garaa tokooni jabeesa guuta, gula deema, aka akanaani gochiti d'ibileeni aka isani qaroo beetu. Hojja seera kana ch'ufa d'ageetani, gochiti tunini, akami qaroomafi hubacha akana tana qabdi? jette wolgaafati.


D'uga, qarooma, baracha, qalbi, wonti kunini ch'ufti waan argachu malani, d'abu himmalle.


Na qarqaari, seera kanke na hubachiisi, duuba anini waan mama ka atini tolchite herega.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite