Biblia Todo Logo
Bib sou entènèt

- Piblisite -




Efessoon 4:6 - KITAABA WAAQA

6 Waaqa toko ch'allati jira ka Abba nama ch'ufaa; inni waan ch'ufa ira jira, waan ch'ufa keesa hojate waan ch'ufa keesa jira.

Gade chapit la Kopi




Efessoon 4:6
31 Referans Kwoze  

Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini.


nu Waaqa toko ch'alla beena; inni Abba, ka waan ch'ufa uume, nu isaafi jiraanna; ammalle Aabbo toko ch'allati jira, Yeso Kristo, ka wonti ch'ufti isaani uumamte, nuleeni isaani jirru.


Nu ch'ufa abbaani takani ind'alle? Waaqi takachi nu ch'ufa inuumne? Duuba nu maafi waan woli tolchina jenne guutu dinna, ammalle maafi wold'aqisa Waaqi ababooti teenna woliini tolfate tufanna?


Yesoni waan isiini jed'e, Naa inqabatini, anini qara gara Aabbo olindeemne. Ammo gara oboleyaani tiyya d'aqi waan jettuuni, Anini gara Abba kiyyatiifi Abba keesani, gara Waaqa kiyyatiifi gara Waaqa keesani oldeema, jed'i iti himi jed'e.


Nami seera Waaqa gula deemu ch'ufti Waaqa keesa jira, Waaqileeni isa keesa jira. Kara kanaani aka Waaqi nu keesa jiru beenna, waan inni Lubbu ufi nuu kenneefi.


Aki kad'atani akana: Aabbo keenna ka gubba jirtu, maqa kanke qulqullo ha guddisani;


Mani Waaqa, waan harkaani boch'ani ka worri Waaqa imbeenne kad'atuuni wolintaani? Nu Mana Waaqa jiruuti! Akuma Waaqi ufiini jed'e, Anini mana kiyya worra woliini jaarad'e worra woliini taa, anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.


Humna hedduti ta woiini hojatani jira, ammo Waaqa toko ch'allati humna woiini hojatani nama ch'ufaa kenna.


Ammo Musafi Harunini lafati gajejed'ani waan jed'ani, Ee Waaqa, ka lubbu nama ch'ufa harkaa qabdu, hojja nami toko ch'ubbu tolche atini gumi ch'ufati dallanta?


eebiseefi waan jed'e, Waaqi Guddaani, ka lafafi gubba uume, Abramu eeba kenninna!


Waaqa Abbaafi Aabbo Yeso Kristoni nagayafi jaalala oboleyaani ch'ufaa kenniina, d'ugefacha woliini.


aka Kristoni, garaa keesani keesati qubatu, maro d'ugefachatiifi. Anini inkad'ad'a, aka hiddafi yayabi keesani jaalala keesa tau,


Isa keesa isanile, nama d'ibi woliini, ijaaru jirani, aka mana Waaqi Lubbu ufitiini keesa tau taatani.


Anileeni maqa kanke yayu worra barsiise, ammalle inuma barsiisa, aka jaalalti atini na jaalatte worra keesa teete, anileeni worra keesa tau jed'e.


Yesoni waan jed'eeni, Yo nami na jaalate dubbi tiyya guuta, Abbaani kiyyaleeni isa jaalata, ammalle nu isati d'umne fulla isaa teenna.


Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.


Atini abba keenna. Ababooti teenna Abrahamufi Yakoboni nu imbeekhani, ammo, ee AABBO Waaqa, atini abba keenna, ka guyya ch'ufa nu baase.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Waaqa gudda, inni hayyu gudda, ka waaqa d'ibi ch'ufa ira jiru.


Kristoni achiti hayyoota gubbafi jabeennaafi irreefi nama jaba ch'ufa fida; inni maqa ulfinna ka lafa tanaatiifi ka hegerile ch'ufa ira jira.


Ee Israeli, d'agaya! AABBO Waaqa keenna male waaqi d'ibiini injiru.


Swiv nou:

Piblisite


Piblisite