4 Nafa tokofi Lubbu toko ch'allati jira, akuma abdiini toko, ta Waaqi iti isani yaame.
Maro Kristotiifi nuuni ch'ufti, gosa d'ibiifi Yahudileeni, Lubbu takaani fuula Abba dura d'umna.
Anini ka maro anini Aabbo hojad'uufi na hid'ani, isani kad'ad'a yaamicha Waaqi isani yaame gula yaa.
Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani,
D'uguma mita hedduti jira, ammo nafi taka.
Gaafa dubbini d'uga, Oduuni Dansaani, gara keesani qara d'ufte, abdi isiini qabdu ya d'ageetani. Tanaafi d'ugefachaafi jaalalti teesani waan isani abdattani keesa jirti, ta gubba isanii olkayani.
wonti akanatiifi nu mita nafa isaati.
Nami abdi tana Kristo keesa qabu ch'ufti akuma inni qulqullo ufile qulqullaa.
Maro isatiifi isani Waaqa d'ugefattani, ka duisa keesaa isa kaase, guddinna kenneefi; tanaafi d'ugefachaafi abdiini teesanileeni Waaqa ilaalti.
Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.
ta jireenna hegeri abdattu barsiiftu worra barsiisu. Waaqi, ka d'ara indubbanne, ya jireenna kana duru nuu kakhate,
Aabbo Yeso Kristofi Waaqi Abba keenna, ka nu jaalate eeba ufitiifi jannooma hegerifi abdi dansa nuu kenne,
Nagayi Kristoni namaa kennu ha garaa keesani qoruti; wonti akanatiifi Waaqi garaa tokooni nagaya kanati isani ch'ufa yaame. Ammalle galata isa deebisa.
Isa keesa isanile, nama d'ibi woliini, ijaaru jirani, aka mana Waaqi Lubbu ufitiini keesa tau taatani.
Duisa isaa ka maskali gubbatiini Kristoni woljibiti balleese; maskali ufitiini inni gosa lachu takaa tolche Waaqati deebise.
Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,
Abdiini Israeli siuma; nami gaargala keesaa nu baasu si male injiru. Atini maafi lafa teenna keesati keessuma karaa deemtu, ta halkani toko ch'alla worra namaa bulte, fakaata?
aka maro eeba isaatiifi nu Waaqaani wolti araaramne jireenna hegeri ka nu abdannu argannu.
Maqaani kiyya Paulo, anini ergattu Kristo Yeso, fed'i Waaqa Qarqaarsa keennatiifi ta Kristo Yeso abdi keenna gula.
Waan qit'aani toko ch'allaani jiruufi, nuuni ch'ufti, ato heddu taanele, nafa toko; wonti akanatiifi qit'a toko qoodanna.
Isani nama d'ufe waan Kristo d'ibi isaniti hasau ch'ufa imfud'attani, ka nu isaniti hasoomneniti; ammalle isani lubbufi odu d'ibi ta Lubbufi Odu Dansa nu isaniti odeesine imfakaanne fud'attani.
Nuleeni akuma worraa aka eeba Aabbo Yesotiini baafamnu d'ugefanna.
Ammo nama na d'ugeefatu ch'ufa ineebisa.
Waaqi qalbi ufi worra fohate eebise iraa garaingalfatu.
Maro fiit'afi jaalani tiyyatifi anini waan Yerusalemuni jed'u, Nagaya ha si keesati arganiti.