29 Hasaa keesati dubbi hamtu injed'ina. Dubbi dansa, ta nama qarqaarte jabeesitu ch'alla jed'a, aka worri d'agayu eeba argatu.
Yo hasooftani dubbi dansa miooftu hasaa. Ammalle nama woi isani gaafate qajeelcha deebisaafi.
Maro waan kanatifi woljabeesa, wolqarqaara, akuma amma tolchitani kana.
Jechi nama qaro gurra dansaani d'ufa, ammo daalleeni dubbuma ufitiini ufi ijeesa.
Dubbini qaroo beekha nama ch'ufaa kenniti, ammo heregi daalle akasi intolchu.
Ch'ubbichi afaanuma ufitini t'urura seena, ammo nami d'ugaa afaanuma ufitini waan hamtu keesaa ufi baasa.
Akasuma ifsaani keesani ha nama durati ifsu, aka hujiini teesani dansaani mullatte Abba keesani ka gubba jiru guddisani.
Qarooni beekha ufitini gurra baafata, dubbuma isaa miooftuni nama ufi gula deebisa.
AABBO Waaqi guddaani yayu araba na qajeelche, aka anini nama dad'abi qabu dubbi t'iyaani jabeesu. Diirama ch'ufa inni na kaase, aka anini waan inni na barsiisu fed'u ch'aqasu.
Atini mala namaani balleesitu d'aata, arabi kanke aka haadu qara qaba. Atini guyya ch'ufa d'ara dubbatta.
Dubbini qajeeltuni ta fulluma isiini malteefiti dubbatani akami dansa!
Adabi keesani gara worra Waaqa imbeenne ha dansa tahu, aka yo worri hameenna isani himate, huji teesani dansa argani, duuba Guyya d'ufiisa Waaqa isa faarsani.
Nami ch'ufti ka isa ch'aqase mame, maro dubbi dansa ta afaani isaa keesaa baateefi maadefate, waan jed'ani, Kunini ilma Yusufutiniti?
Wonti nyaapi kiyya jed'u waan nami dandae d'ugeefatuuniti; afaani worraa waan balleesani ch'alla fed'ani. Worri kiyyiba ch'alla qaba, arabi worra d'ara ch'alla dubbata.
Akasuma isani nad'eeni, d'iirsole teesani ch'eera, aka yo d'iirsoleeni gari dubbi Waaqa ind'ugefannele, adabi keesani Waaqati worra deebisu. Duuba ato isani nami tokoleeni woma injed'iini,
Jabeenna isaatiini nafi keenna ch'ufti taka, ammalle nafi ch'ufti mita ufitiini wolti eja. Tanaafi yo mitaani ch'ufti garaa ufitiini hojate, nafi ch'ufti guddate jaalalaani jabaata.
Wonti inni waan kana tolcheefi aka gumi Waaqa ch'ufa huji Waaqaati kurfeesu, aka nafa Kristo jaarani.
Anini waan d'uga teeti guyya ch'ufa dubbad'a, wonti akanatiifi jara na balleesuu fed'u kaani yayu dabsatani ch'eersani.
Atini nama ch'ufa ira mid'aada; dubbini teetileeni qajeeltu. Haguma duriti Waaqi ya si eebise.
Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.
Ammo kad'acha gumi keesati anini sila dubbi shani ta nami ch'ufti hubachu dandau dubbachu fed'a, aka nama d'ibi barsiisu, fulla dubbi kunki shani afaani d'ibiini dubbad'u.
Tanaafi nu hojja ch'ufa waan nagaya nu kennaafi ta woli jabeesiti barbaadu malle.
Ammo nami ch'ufti ha oboleesa ufi qarqaare gammachiisu, aka d'ugefacha keesati isa jabeesani.
Jari lamaani kaani waan inni jed'e d'ageennaani Yeso gula yae.