2 Ufi olimfuud'ina, laana yaa, waan ch'ufa obsa. Jaalala teesani wolqarqaarsaani agarsiisa.
Jaalalti ufi injibaattu: d'ugefachaafi abdifi obsi isii muumme inqabu.
Nu worri d'ugefacha jabdu qabu laafinna worra lalaafa obsine ulfinna isaanii baachu malle. Ufi ch'alla gammachiisu himmalle.
Qaampara kiyya keyad'a, naraa barad'a, anini nama laana, ka mata inguddifanne; duuba boqota argattani.
Ammo atini, nami Waaqa, waan kana ch'ufa lagad'u. Waan d'ugaafi ta Waaqi fed'ufi d'ugefachaafi jaalalafi obsafi laana deemiti barbaadi.
Inni nama nama tufatu tufate, ammo nama nama intufanne eebisa.
(Musani nama guddo balchicha, nama balcha aka isaa lafa keesati inargani.)
Ato atini gubba olfago jiraatele atini hiyyeesa qorqorate, kiyyibaleeni dandae si dura ind'okhatu.
Ammo garaa keesani keesati Kristo guddisa Aabbo isa tolfad'a. Nama waan abdi isani ufi keesa qabdani isani gaafatu, aka iti himatani hojja ch'ufa kurfo taha. Ammo garaa laafinatifi ka ch'eeratiini tolcha.
ka laanatu kara nama isaani morku garsiisu tahu male. Hegeri Waaqi daba ira worra deebise, d'uga worra barsiisa.
Ulfinna woli baad'a, kara kanaani seera Kristo guuttani.
Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi
AABBO Waaqa barbaada, isani worri balchichi, ka seera isaa guutu. Waan qajeela barbaada, AABBO Waaqa durati ufi balchoomsa. Hegeri guyya dallansu AABBO Waaqa duraa baatanifa.
Gaafa Yahudiini na gaargalchite na ijeesu feete, ufi diqeese imimaani bohe huji Aabbo hojad'e.
Nami hiyyeesi, ka ufi inguddimne, kiyyibaa hori saame qoodatu ira gooma.
Yesoni waan worraani jed'e, Isani diqole d'ugefacha inqabdani; guyya hagami isani woliini taa? Guyya hagami isani obsa? Natiini koota.
Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
Farda kanke ka guddinna yaabad'i, nyaapa kanke dabsad'i, d'ugaafi qajeeluma kalchi! Harki kanke mirgichi nyaapa ch'ufa si dabsachiisa!
Adaba t'uritiifi huji hamtu ch'ufa lagad'a. Dubbi garaa keesani keesati fach'aasani, ta dandeete lubbu teesani baaftu, kara laanatiini fud'ad'a.
Muummeeni waan ch'ufa uumama isii ira jirti. Obsileeni ufi saadu ira jira.
Irreeni guddinna isaa keesaa baatu ha isani jabeesitu, aka waan ch'ufa obsuma obsitani.
Dubbi buufata: herega takafi garaa taka qabaachu maltani; aka oboleyaani woli jaalad'a, woli naha, woli saalfad'a.